Abstract:
Qorannoon kun qaaccessa itti fayyadama sirna barreeffama Afaan Oromoo gabaasa waajjiraale Mootummaa Magaalaa Sabbataa irratti xiyyeeffatatamee kan qoratameedha. Kaayyoon isaatis hanqinaalee barreeffama Afaan Oromoo gabaasa waajjiraalee Magaalaa kanneenii keessatti mul’atan xiinxaluudha. Galama gahiinsa qorannoo kanaatiif mala al- akkoofsa carraa akka tasaatti dhimma bahameera. Kunis, odeeffannoowwan walittii qabaman hundumaa jechootaafi Af gaaffii namootaa qaaccessuudhaan ibsame. Ragaa argachuudhaaf gabaaasonni waajjiraalee carraadhaan filatamaniis sakatta’amaniiru. Haaluma qaaccessa ragaalee kanarraa hubatamen,Waajjiraaleen Mootummaa Magaalaa Sabbataa gabaasa yeroo qopheessan hanqina akka qabuudha. Kanaafuu, qorannoo kana keessatti mala al lakkoofsaatti fayyadamuudhaan dogoggora barreeffama gabaasa waajjiraale sakata’uudhaan xiinxalameera. Xiinxala kana keessatti itti fayyadama sirna qubeessuu, hiika jechoota adda baasuufi seer-luga barreeffama isaanii madaalee ture.Qorannoon kunadeemsa isaa keessatti akkuma olitti ibsame hanqina barreeffama gabaasa keessatti jechoota dogoggora qubeessuu qaban dheeressuu, gabaabsuu jabeessuufi laaffisuudhaan uumaman xiinxalamee adda baaheera. Jechoonni Afaan Oromoo dhamjecha maxxanfatan walsimsiisanii barreessuu irratti hanqina akka qabu adda baafameera. Jechoota qusannoodhaan itti fayyadamuu hiika jechootaa kan ifa hin taane ifa taasisuu, maqaafi xumura bamaqaafi ramaddii,hima keessatti walsimaannaa dhabuun mul’ateera. Hanqinni qindoomina himaa akka jiru qorannoo kanaan adda baheera. Walumaagalatti, qorannoo kana keessatti hanqinaaleen sirna barreeffama Afaan Oromoo keessatti mul’atan miidhaan dogongora kanaan dhufu guddin Afaanii irratti gahee guddaa akka qabu qorannoo kanaan qaratamee jira.Kanaafuu,hanqinaaleen barreeffama gabaasa waajjiraalee hedduun isaanii hanqinoota qubeessuu hanga qindeessuutti akka jiru qorannoo kana irratti ibsameera. Hanqinaalee kanaaf fala kan ta’u akkuma fala qorannoo keessatti ibsame sadarkaa sadarkaadhaan leenjiin hubannoo waliigalaa haala qubeessuu irraa kaasee hanga qindeessuutti hojjataa waajjiraalee hundaaf kennamuu qaba.