ITTI FAYYADAMA AFAAN OROMOO; SIRNA BARREEFFAMAAFI CAAS-LUGA AFAAN OROMOO; GABAASAALEE WAAJJIRAALEE MAGAALAA SABBATAA

Show simple item record

dc.contributor.author Mul’ataa Iddoosaa, Nagaash
dc.date.accessioned 2018-01-28T17:59:56Z
dc.date.available 2018-01-28T17:59:56Z
dc.date.issued 2018-03
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/1353
dc.description 96p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun qaaccessa itti fayyadama sirna barreeffama Afaan Oromoo gabaasa waajjiraale Mootummaa Magaalaa Sabbataa irratti xiyyeeffatatamee kan qoratameedha. Kaayyoon isaatis hanqinaalee barreeffama Afaan Oromoo gabaasa waajjiraalee Magaalaa kanneenii keessatti mul’atan xiinxaluudha. Galama gahiinsa qorannoo kanaatiif mala al- akkoofsa carraa akka tasaatti dhimma bahameera. Kunis, odeeffannoowwan walittii qabaman hundumaa jechootaafi Af gaaffii namootaa qaaccessuudhaan ibsame. Ragaa argachuudhaaf gabaaasonni waajjiraalee carraadhaan filatamaniis sakatta’amaniiru. Haaluma qaaccessa ragaalee kanarraa hubatamen,Waajjiraaleen Mootummaa Magaalaa Sabbataa gabaasa yeroo qopheessan hanqina akka qabuudha. Kanaafuu, qorannoo kana keessatti mala al lakkoofsaatti fayyadamuudhaan dogoggora barreeffama gabaasa waajjiraale sakata’uudhaan xiinxalameera. Xiinxala kana keessatti itti fayyadama sirna qubeessuu, hiika jechoota adda baasuufi seer-luga barreeffama isaanii madaalee ture.Qorannoon kunadeemsa isaa keessatti akkuma olitti ibsame hanqina barreeffama gabaasa keessatti jechoota dogoggora qubeessuu qaban dheeressuu, gabaabsuu jabeessuufi laaffisuudhaan uumaman xiinxalamee adda baaheera. Jechoonni Afaan Oromoo dhamjecha maxxanfatan walsimsiisanii barreessuu irratti hanqina akka qabu adda baafameera. Jechoota qusannoodhaan itti fayyadamuu hiika jechootaa kan ifa hin taane ifa taasisuu, maqaafi xumura bamaqaafi ramaddii,hima keessatti walsimaannaa dhabuun mul’ateera. Hanqinni qindoomina himaa akka jiru qorannoo kanaan adda baheera. Walumaagalatti, qorannoo kana keessatti hanqinaaleen sirna barreeffama Afaan Oromoo keessatti mul’atan miidhaan dogongora kanaan dhufu guddin Afaanii irratti gahee guddaa akka qabu qorannoo kanaan qaratamee jira.Kanaafuu,hanqinaaleen barreeffama gabaasa waajjiraalee hedduun isaanii hanqinoota qubeessuu hanga qindeessuutti akka jiru qorannoo kana irratti ibsameera. Hanqinaalee kanaaf fala kan ta’u akkuma fala qorannoo keessatti ibsame sadarkaa sadarkaadhaan leenjiin hubannoo waliigalaa haala qubeessuu irraa kaasee hanga qindeessuutti hojjataa waajjiraalee hundaaf kennamuu qaba. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title ITTI FAYYADAMA AFAAN OROMOO; SIRNA BARREEFFAMAAFI CAAS-LUGA AFAAN OROMOO; GABAASAALEE WAAJJIRAALEE MAGAALAA SABBATAA en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account