Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa inni jalqabaa Moggaasa Maqaa Gandootaafi iddoowwanii Magaalaa Dirree Dhawaa xiinxaluun qubannaa ummataa eeruudha. Qorannoo kanas galmaan ga’uuf gosti qorannoo filatame qorannoo akkamtaati. Malli qorannoo kanaa immoo qorannoo akkamtaa ibsaati. Malli iddatteessuu qorannoo kana keessatti filatame mala iddatteessuu akkayyaati. Meeshaaleenfunaansa ragaaleetiif ittidhimma bahaman immoo af-gaaffiifi sakatta’aharshammeeti. Maddi ragaalee qorannoon kun irraa argame irra caalaan maddaragaalee tokkoffaa yoo ta’an madda ragaalee lammaffaas hanga tokko dhimma itti bahameera.Qorannoo kana keessatti Abbootii Gadaa,manguddootaafi namoota dhimma kanarratti hubannoo qaban muraasniragaaleefi odeeffannoo qorannichaaf barbaachisukennaniiru. Akkasumas qoratichi maalummaa maqaa, malummaa moggaasa maqaa, faayidaa moggaasa maqaa, maqaalee mogga’uu hinqabne, maqaalee mogga’uuf filataman, moggaasa maqaa keessatti eenyu akka qooda fudhatu, bu’ura moggaasa maqaa, dhiibbaalee sirnoota darbaniin maqaalee moggaafamanirra gahaa turanibsamaniiru. Akka waliigalaatti Ummanni magaalaa Dirree Dhawaa akkaataa moggaasa maqaa gandootaa itti raawwataature haala aadaa, afaan, duudhaa, safuufi eenyummaa isaa ibsuun akka ta’e adda kan bahe yoo ta’u moggaasa kana keessatti Oromoon Afran Qalloo gahee guddaa qaba. Kun immoo Oromoon naannoo amma Diree Dhawaa jedhamu kana yeroo hedduu dura jiraataa kan ture ta’uu agrsiisa. Kana malees maqaaleen gandootaa moggaafaman kanneenmaqaa namaa yookiin maqaa gosaa,wantoota naannoo sanatti baay’inaan argaman, haala teessuma lafaa naannoo sanaafi taatee iddoo sanatti uumame irratti hundaa’un kan moggaafamaa turan ta’uu argannoon qorannoo kanaa ni agarsiisa.Walumaagalatti, maqaaleen gandootaafi iddoowwaniif moggaafaman agarsiistuu mallattoo eenyummaatti. Kanaaf,qaamni dhimmi kun ilaallatu hundinuu(hayyoonni, Abbootiin Gadaa, Waajjirri Aadaafi Turizimiifi kkf) eegumsaafi kunuunsa barbaachisaa akka godhaniif kan jedhu qorannoo kana keessatti akka yaada furmaataatti kaa’ameera.