MOGGAASA MAQAALEE GANDOOTAAFI IDDOOWWANII MAGAALAA DIRREE DHAWAA AKKA EERUMSA QUBANNAA UMMATAATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Ahmad, Naasir
dc.contributor.author Baldaafi gorsaa, Fiqaaduu
dc.contributor.author Amaan, Dr. Jeylaan
dc.date.accessioned 2018-01-28T16:12:21Z
dc.date.available 2018-01-28T16:12:21Z
dc.date.issued 2018-12
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/1386
dc.description 85p. en_US
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa inni jalqabaa Moggaasa Maqaa Gandootaafi iddoowwanii Magaalaa Dirree Dhawaa xiinxaluun qubannaa ummataa eeruudha. Qorannoo kanas galmaan ga’uuf gosti qorannoo filatame qorannoo akkamtaati. Malli qorannoo kanaa immoo qorannoo akkamtaa ibsaati. Malli iddatteessuu qorannoo kana keessatti filatame mala iddatteessuu akkayyaati. Meeshaaleenfunaansa ragaaleetiif ittidhimma bahaman immoo af-gaaffiifi sakatta’aharshammeeti. Maddi ragaalee qorannoon kun irraa argame irra caalaan maddaragaalee tokkoffaa yoo ta’an madda ragaalee lammaffaas hanga tokko dhimma itti bahameera.Qorannoo kana keessatti Abbootii Gadaa,manguddootaafi namoota dhimma kanarratti hubannoo qaban muraasniragaaleefi odeeffannoo qorannichaaf barbaachisukennaniiru. Akkasumas qoratichi maalummaa maqaa, malummaa moggaasa maqaa, faayidaa moggaasa maqaa, maqaalee mogga’uu hinqabne, maqaalee mogga’uuf filataman, moggaasa maqaa keessatti eenyu akka qooda fudhatu, bu’ura moggaasa maqaa, dhiibbaalee sirnoota darbaniin maqaalee moggaafamanirra gahaa turanibsamaniiru. Akka waliigalaatti Ummanni magaalaa Dirree Dhawaa akkaataa moggaasa maqaa gandootaa itti raawwataature haala aadaa, afaan, duudhaa, safuufi eenyummaa isaa ibsuun akka ta’e adda kan bahe yoo ta’u moggaasa kana keessatti Oromoon Afran Qalloo gahee guddaa qaba. Kun immoo Oromoon naannoo amma Diree Dhawaa jedhamu kana yeroo hedduu dura jiraataa kan ture ta’uu agrsiisa. Kana malees maqaaleen gandootaa moggaafaman kanneenmaqaa namaa yookiin maqaa gosaa,wantoota naannoo sanatti baay’inaan argaman, haala teessuma lafaa naannoo sanaafi taatee iddoo sanatti uumame irratti hundaa’un kan moggaafamaa turan ta’uu argannoon qorannoo kanaa ni agarsiisa.Walumaagalatti, maqaaleen gandootaafi iddoowwaniif moggaafaman agarsiistuu mallattoo eenyummaatti. Kanaaf,qaamni dhimmi kun ilaallatu hundinuu(hayyoonni, Abbootiin Gadaa, Waajjirri Aadaafi Turizimiifi kkf) eegumsaafi kunuunsa barbaachisaa akka godhaniif kan jedhu qorannoo kana keessatti akka yaada furmaataatti kaa’ameera. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title MOGGAASA MAQAALEE GANDOOTAAFI IDDOOWWANII MAGAALAA DIRREE DHAWAA AKKA EERUMSA QUBANNAA UMMATAATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account