Abstract:
Qorannoon kun mataduree “Qaaccessa sirboota ayyaana masqalaa haalaafi yoomessa
keessatti: hafeefi koorniyaa, Godina Arsii Aanaa Balee Gasgaaritti” gaggeeffame.
Qorannoon kun duudhaa hawaasaa kan ta’e sirba ayyaana masqalaa irratti xiyyeeffate.
Sirbootni ayyaana masqalaa funaannaman qaacceffamaniru. Kana jechuun yoomessa,
hirmaattoota, qabiyyeefi ergaan akkasumas faayidaa sirbi kun siyaas- hawaas- diinagdee
keessatti qabu ifa xiinxalameera. Xiinmalli qorannoon kun itti fayyadame ibsa akkamtaan yoo
ta’u maddi ragaa tokkoffaa hawaasaa aanichaa taasifateera. Iddatteessuu miti-carraan malli
akkaayyoofi darba-dabarsaa iddattoo filachuun hojiirra ooleera. Meeshaaleen kanneen akka
afgaaffii, daawwannaafi marii garee qorannoo kana keessatti ragaa funaanuuf hojiirra kan
oolan yoo ta’u ragaleen funaanamanis mala ibsaatiin qaacceffamaniiru. Argannoon
qorannoo kanaa akka agarsiisutti sirboonni ayyaana masqalaa yoomessa garagaraa keessatti
qoodafudhattoota gargaraatiin kan sirbamu ta’uusaa bira gahameera. Qabiyyeen sirba
ayyaana masqalaa tartiiba haalaafi yoomessaan, hirmaattota irratti hunda’uun hafeensaa
sirba yeebarroo, daamaraafi guyyaa masqalaa qaba. Hafeen walaloon kun hawaasa jaalala,
tokkummaa, kutannoo, gorsa akka barsiisu hubatameera. Kanaafuu dhaloonni faayidaa,
qabiyyeefi ergaa walaloo sirboota ayyaana masqalaa hubachuun ayyaana masqalaa
sirboonni faayidaa kanneen kennan keessatti darban kunuunsuun barbaachisadha. Dhaloonni
haaroofin sababa dhiibbaa amantii garagaraafi sirna bulchiinsaatiin adeemsa raawwii
ayyaanichaafi sirboota isaa dagatamaa waan dhufeef qooda fudhattoonni ayyaanichaa
tartiiba qabiyyee sirboota ayyaanicha beekaanii dhaloota dhaalchisutu irraa eeggamma.