SIRBOOTA AYYAANA MASQALAA HAALAAFI YOOMESSA KEESSATTI: HAFEEFI KOORNIYAA, GODINA ARSII, AANAA BALEE GASGAARITTI

Show simple item record

dc.contributor.author Lammaa Badhaanee, Shaanbal
dc.contributor.author Baldaa, Fiqaaduu
dc.date.accessioned 2018-01-28T16:17:07Z
dc.date.available 2018-01-28T16:17:07Z
dc.date.issued 2018-04
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/1388
dc.description 86p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun mataduree “Qaaccessa sirboota ayyaana masqalaa haalaafi yoomessa keessatti: hafeefi koorniyaa, Godina Arsii Aanaa Balee Gasgaaritti” gaggeeffame. Qorannoon kun duudhaa hawaasaa kan ta’e sirba ayyaana masqalaa irratti xiyyeeffate. Sirbootni ayyaana masqalaa funaannaman qaacceffamaniru. Kana jechuun yoomessa, hirmaattoota, qabiyyeefi ergaan akkasumas faayidaa sirbi kun siyaas- hawaas- diinagdee keessatti qabu ifa xiinxalameera. Xiinmalli qorannoon kun itti fayyadame ibsa akkamtaan yoo ta’u maddi ragaa tokkoffaa hawaasaa aanichaa taasifateera. Iddatteessuu miti-carraan malli akkaayyoofi darba-dabarsaa iddattoo filachuun hojiirra ooleera. Meeshaaleen kanneen akka afgaaffii, daawwannaafi marii garee qorannoo kana keessatti ragaa funaanuuf hojiirra kan oolan yoo ta’u ragaleen funaanamanis mala ibsaatiin qaacceffamaniiru. Argannoon qorannoo kanaa akka agarsiisutti sirboonni ayyaana masqalaa yoomessa garagaraa keessatti qoodafudhattoota gargaraatiin kan sirbamu ta’uusaa bira gahameera. Qabiyyeen sirba ayyaana masqalaa tartiiba haalaafi yoomessaan, hirmaattota irratti hunda’uun hafeensaa sirba yeebarroo, daamaraafi guyyaa masqalaa qaba. Hafeen walaloon kun hawaasa jaalala, tokkummaa, kutannoo, gorsa akka barsiisu hubatameera. Kanaafuu dhaloonni faayidaa, qabiyyeefi ergaa walaloo sirboota ayyaana masqalaa hubachuun ayyaana masqalaa sirboonni faayidaa kanneen kennan keessatti darban kunuunsuun barbaachisadha. Dhaloonni haaroofin sababa dhiibbaa amantii garagaraafi sirna bulchiinsaatiin adeemsa raawwii ayyaanichaafi sirboota isaa dagatamaa waan dhufeef qooda fudhattoonni ayyaanichaa tartiiba qabiyyee sirboota ayyaanicha beekaanii dhaloota dhaalchisutu irraa eeggamma. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title SIRBOOTA AYYAANA MASQALAA HAALAAFI YOOMESSA KEESSATTI: HAFEEFI KOORNIYAA, GODINA ARSII, AANAA BALEE GASGAARITTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account