Abstract:
Qorannoon kun hojiirra oolmaa Afaan Oromoo barnoota idileen duraa keessatti sakatta’uudha. Qorannichi kan adeemsifame manneen barnootaa mootummaa naannoo Oromiyaa, Godina Baalee, bulchiinsa magaalaa Gindhiir keessaa mana barumsaa Lalistuu Oromiyaa, Aanoleefi Sikkomandoo irratti yogguu ta’u, malleen qorannoo walmakaa; hammamtaafi akkamtaatiini. Qorannoon kun mala iddatteessuu hundagaleessafi dhimmaa gargaaramuun iddattoo namoota 136 irraa meeshaalee funaannsa ragaalee bargaaffii, afgaaffiifi daawwannaatti gargaaramuun ragaaleen funaanaman. Ragaalee bar-gaaffiidhan walitti qabaman mala qaaccessa ragaa hammamtaan xiinxalamuun dhibbantaadhan ibsi itti kennameera. Kanneen af-gaaffiifi daawwannaadhan funaannaman akka walitti dhufeenya qabiyyeefi yaada isaanii irratti hundaa’uun mala qaaccessa ragaa akkamtaan xiinxalamuun ibsi itti kennameera. Raawwiin BID manneen barnootaa magaalaa Gindhiir Afaan Oromootiin gadaanaa ta’uun beekameera. Hawaasni daa’imman BID Afaan dhalootaan barsiisuu irratti hubannoo dhabuun adda fooyameera. Manneen barnootaa mijataan, dhiheessiin meeshaalee barnootaa dhabamuun, baajanni barbaachisaan ramadamuu dhabuun, deeggarsi dhabamuufi leenji barbaachisaa barsiisotaa kennamuu dhabuun hudhaalee BID muudatan ta’uun beekkameera. Afaan Oromoo Afaan barreeffama mataa isaa qabu ta’uufi Itiyoophiyaan imaammata Afaanii af-danee raggaasisuun haal-dureewwan Afaan Oromoo barnoota idileen duraa ittiin barsiisuuf qabu kan bal’isu ta’uun eeramera. Argannoo qorannoo kana irra ka’uun yaadni furmaataa taa’eera. Raawwii BID fooyyessuuf qaamni dhimmi ilaallatu itti fayyadama Afaan dhalootaa gama hundaan fooyyessuu akka qabu ibsameera. Hubannoo hawaasni daa’imman Afaan Oromootiin barsiisuu irraatti qabu fooyyessuuf qaamni dhimmi ilaallatu hubanoo uumuu akka qabu ibsameera. Danqaalee barnoota idileen duraa Afaan Oromootiin barsiisuu muudatan dhabamsiisuu keessaatti qaamoleen hunduu qooda fudhachuu akka qaban kaa’ameera. Haal-dureewwan mijataa argaman hundatti fayyadamuun Afaan Oromoo barnoota keessatti bu’aa qabeessa taasisuun dhimma Oromoota hundaa ta’uun ibsameera.