SAKATTA’A HOJIIRRA OOLMAA AFAAN OROMOO BARNOOTA IDILEEN DURAA KEESSATTI: GODINA BAALEE, BULCHIINSA MAGAALAA GINDHIIR

Show simple item record

dc.contributor.author Bayyanaa Baqqalaa, Shimallis
dc.contributor.author Bayyanaa (PhD), Imaanaa
dc.contributor.author Amaan (PhD), Jeyilaan
dc.date.accessioned 2018-01-28T16:19:44Z
dc.date.available 2018-01-28T16:19:44Z
dc.date.issued 2019-05
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/1390
dc.description 78p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun hojiirra oolmaa Afaan Oromoo barnoota idileen duraa keessatti sakatta’uudha. Qorannichi kan adeemsifame manneen barnootaa mootummaa naannoo Oromiyaa, Godina Baalee, bulchiinsa magaalaa Gindhiir keessaa mana barumsaa Lalistuu Oromiyaa, Aanoleefi Sikkomandoo irratti yogguu ta’u, malleen qorannoo walmakaa; hammamtaafi akkamtaatiini. Qorannoon kun mala iddatteessuu hundagaleessafi dhimmaa gargaaramuun iddattoo namoota 136 irraa meeshaalee funaannsa ragaalee bargaaffii, afgaaffiifi daawwannaatti gargaaramuun ragaaleen funaanaman. Ragaalee bar-gaaffiidhan walitti qabaman mala qaaccessa ragaa hammamtaan xiinxalamuun dhibbantaadhan ibsi itti kennameera. Kanneen af-gaaffiifi daawwannaadhan funaannaman akka walitti dhufeenya qabiyyeefi yaada isaanii irratti hundaa’uun mala qaaccessa ragaa akkamtaan xiinxalamuun ibsi itti kennameera. Raawwiin BID manneen barnootaa magaalaa Gindhiir Afaan Oromootiin gadaanaa ta’uun beekameera. Hawaasni daa’imman BID Afaan dhalootaan barsiisuu irratti hubannoo dhabuun adda fooyameera. Manneen barnootaa mijataan, dhiheessiin meeshaalee barnootaa dhabamuun, baajanni barbaachisaan ramadamuu dhabuun, deeggarsi dhabamuufi leenji barbaachisaa barsiisotaa kennamuu dhabuun hudhaalee BID muudatan ta’uun beekkameera. Afaan Oromoo Afaan barreeffama mataa isaa qabu ta’uufi Itiyoophiyaan imaammata Afaanii af-danee raggaasisuun haal-dureewwan Afaan Oromoo barnoota idileen duraa ittiin barsiisuuf qabu kan bal’isu ta’uun eeramera. Argannoo qorannoo kana irra ka’uun yaadni furmaataa taa’eera. Raawwii BID fooyyessuuf qaamni dhimmi ilaallatu itti fayyadama Afaan dhalootaa gama hundaan fooyyessuu akka qabu ibsameera. Hubannoo hawaasni daa’imman Afaan Oromootiin barsiisuu irraatti qabu fooyyessuuf qaamni dhimmi ilaallatu hubanoo uumuu akka qabu ibsameera. Danqaalee barnoota idileen duraa Afaan Oromootiin barsiisuu muudatan dhabamsiisuu keessaatti qaamoleen hunduu qooda fudhachuu akka qaban kaa’ameera. Haal-dureewwan mijataa argaman hundatti fayyadamuun Afaan Oromoo barnoota keessatti bu’aa qabeessa taasisuun dhimma Oromoota hundaa ta’uun ibsameera. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title SAKATTA’A HOJIIRRA OOLMAA AFAAN OROMOO BARNOOTA IDILEEN DURAA KEESSATTI: GODINA BAALEE, BULCHIINSA MAGAALAA GINDHIIR en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account