Abstract:
Qorannoon kun kan gaggeeffame “Dhiibbaa Ammayyummaan Huccuu Aadaa Dubartii Harargee Aanaa Dirree Xayyaaraa irratti qabu” jedhurrattidha. Kaayyon qorannoo kanaa dhiibbaa ammayyummaan huccuu aadaa oromoo dubartii harargee bahaa magaalaa harar aanaa dirree xayyaaraa irratti. Ragaawwan qorannoo kanaaf barbaachisan kan qindaa’e maddaa ragaalee tokkofaafi madda ragaalee lammaffaati. Maddi ragaalee tokkoffaa ragaalee naannoo qorannoo irratti argamuun funaaname yoota’u, maddi ragaalee lammaffaa ammoo kitaabotaafi hojiilee qorattootni kanaan dura hojjatan sakatta’uun raqaalee qindeeffamaniidha. Qorannoon Kun mala qorannoo akkamtaatiin kan hojjatame yoo ta’u, meeshaa funaansa ragaalee afgaaffii, marii gareefi daawwannaadhaan ragaaleen barbaachisoo argachuuf dhimma bahamaniiru. Ragaaleen xiinxalamanis karaa qabiyyeewwan kanneen akka dhiibbaa gaariifi badaa ammayyummaan huccuu aadaarraan gahe, sadarkaa itti fayyadamni huccuu aadaa irra jiru, ammayyummaan wal qabatee jijjiirama huccuu aadaa irra gahe, hiika fakkoomii huccuun aadaa qabuun kan dhiyaateedha. Kana malees suuraa haala qabatamaa itti fayyadamaafi kunuunsa hoccuu aadaa keessatti kaasuun qorannoo kana qabatamaa taasisuuf yaalameera. Xiinxallii erga gaggeefameeyyis argannoowwan qoraannichaa kanneen akka ammayyummaan akka dhiibbaa gaariifi badaa huccuu aadaarraan geessisu, huccuu aadaa ibsituu eenyummaa sabaa ta’uu, huccuun aadaa yeroo qophii garagaraa akka uffatamu, huccuun aadaa faayaafi meeshaalee aadaa garagaraa waliin akka hidhatamu ibsamee jira. Walumaa galatti qorannoon kun dhiibbaa ammayyummaan huccuu aadaa dubartii oromoo harargee irraan gahu hawaasni adda baasee hubatee dhiibbaa gaarii cimsaa aakkasumas, dhiibbaa badaa aadaa hawaasaa aadaa hawaasaa geeddaruu danda’an hawaasni xiyyeeffannoo itti kennuu akka qabu argannoo qorannoo kanaati.