DHIIBBAA AMMAYYUMMAAN HUCCUU AADAA DUBARTII IRRATTI QABU, GALUMSA HARARGEE BAHAA MAGAALAA HARAR AANAA DIRREE XAYYAARAA

Show simple item record

dc.contributor.author Bayyanaatiif, Dr. Imaanaa
dc.contributor.author Bayyanaa, Dr. Imaanaa
dc.contributor.author Baldaa, Fiqaaduu
dc.date.accessioned 2018-01-28T16:08:44Z
dc.date.available 2018-01-28T16:08:44Z
dc.date.issued 2018-12
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/1422
dc.description 72p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun kan gaggeeffame “Dhiibbaa Ammayyummaan Huccuu Aadaa Dubartii Harargee Aanaa Dirree Xayyaaraa irratti qabu” jedhurrattidha. Kaayyon qorannoo kanaa dhiibbaa ammayyummaan huccuu aadaa oromoo dubartii harargee bahaa magaalaa harar aanaa dirree xayyaaraa irratti. Ragaawwan qorannoo kanaaf barbaachisan kan qindaa’e maddaa ragaalee tokkofaafi madda ragaalee lammaffaati. Maddi ragaalee tokkoffaa ragaalee naannoo qorannoo irratti argamuun funaaname yoota’u, maddi ragaalee lammaffaa ammoo kitaabotaafi hojiilee qorattootni kanaan dura hojjatan sakatta’uun raqaalee qindeeffamaniidha. Qorannoon Kun mala qorannoo akkamtaatiin kan hojjatame yoo ta’u, meeshaa funaansa ragaalee afgaaffii, marii gareefi daawwannaadhaan ragaaleen barbaachisoo argachuuf dhimma bahamaniiru. Ragaaleen xiinxalamanis karaa qabiyyeewwan kanneen akka dhiibbaa gaariifi badaa ammayyummaan huccuu aadaarraan gahe, sadarkaa itti fayyadamni huccuu aadaa irra jiru, ammayyummaan wal qabatee jijjiirama huccuu aadaa irra gahe, hiika fakkoomii huccuun aadaa qabuun kan dhiyaateedha. Kana malees suuraa haala qabatamaa itti fayyadamaafi kunuunsa hoccuu aadaa keessatti kaasuun qorannoo kana qabatamaa taasisuuf yaalameera. Xiinxallii erga gaggeefameeyyis argannoowwan qoraannichaa kanneen akka ammayyummaan akka dhiibbaa gaariifi badaa huccuu aadaarraan geessisu, huccuu aadaa ibsituu eenyummaa sabaa ta’uu, huccuun aadaa yeroo qophii garagaraa akka uffatamu, huccuun aadaa faayaafi meeshaalee aadaa garagaraa waliin akka hidhatamu ibsamee jira. Walumaa galatti qorannoon kun dhiibbaa ammayyummaan huccuu aadaa dubartii oromoo harargee irraan gahu hawaasni adda baasee hubatee dhiibbaa gaarii cimsaa aakkasumas, dhiibbaa badaa aadaa hawaasaa aadaa hawaasaa geeddaruu danda’an hawaasni xiyyeeffannoo itti kennuu akka qabu argannoo qorannoo kanaati. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title DHIIBBAA AMMAYYUMMAAN HUCCUU AADAA DUBARTII IRRATTI QABU, GALUMSA HARARGEE BAHAA MAGAALAA HARAR AANAA DIRREE XAYYAARAA en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account