Abstract:
Namfakkiiwwan namoota seenaa asoosama tokkoo keessatti qooda fudhataniidha.
Barreessaan, addunyaa asoosamaa uumuudhaan dhimmoota hawaasummaa kan akka
siyaasaa, dinagdee, aadaa, duudhaa, safuufi kanneen kana fakkaatan irratti xiyyeefachuun
dhaamsa kaayyeeffatee dubbistootaaf kan dabarsuu kan danda'u namfakkiiwwan yoo
jiraatan qofa. Namfakkiiwwan ilaalcha, amantaa, aadaa akkasumas jiruufi jireenyaa
yomeessa seenaan asoosamichaa irratti hundeeffame calaqqisiisu. Namfakkiiwwan
dubartootaas namfakkiiwwan jalatti ramadamu. Asoosaan namfakkiiwwan dubartootaa
yogguu kalaquus ta'ee sureessuu xiyyeeffannoo kennuu qaba. Haaluma kanaan, kaayyoon
qorannoo kanaa kitaaba asoosama dheeraa Burreen Bifa Tokkoo Miti jedhu keessatti
namfakkiiwwan dubartootaa galumsa hawaas-aadaa keessattiaaccessuudha.Gosti
qorannoon kun ittiin gaggeeffames qorannoo al-lakkoofsaawaa ta'ee, madda ragaa
sadarkaa tokkooffaatiin dhimma bahameera. Mallii qorannichi itti adeemsifame mala
ibsaatiindha. Odeeffannoo qorannichaaf qabxiilee bu'uuraa kan ta'an asoosama Burreen
Bifa Tokkoo Miti jedhu keessatti hundaa'un kanneen odeeffannoo biroo qorannichaaf
kennan waliin qindeessuun xinxalalamera. Haaluma kanaan asoosama filatamee keessatti
taatota dubartootaa irratti xiyyeeffachuun akkaataa kalaqiinsa dubartootaafi mala ittiin
sureeffaman, amalootaafi eenyummaa namfakkiiwwan dubartootaa, gaheewwan isaan
hawaasummaa keessatti qabaniifi sababoota midhaalee xinsammuu isaan irratti fide
sakatta'uun addeessuu irratti xiyyeeffateera. Irraawwatamni qorannichaa kitaaba
asoosama dheeraa" Burreen Bifa Tokkoo Miti jedhamu yoo ta'u, kitaabni kun kan
filatames gosa iddatteessuu caraan alaa keessaa toftaa iddatteessuu kaayyeeffataatiindha.
Malli funaansi ragaalee kan bu'uureeffatee sakatta'a harshammee yogguu ta'u,
asoosamicha gadiifageenyaan dubbisudhaan odeeffannoo matadureefi kaayyoo
qorannichaa wajjiin deemu danda'an keessaa fudhachudhaani. Ragaaleen akkaataa
armaan olitti funaanaman qabxiilee kaayyoo gooree qorannichaa jalatti tarreeffaman
irratti fulleeffachudhaan dubartootaa dubartootaa asoosamicha keessatti dhiyaatan
qabiyyeewwan ijootti hiruun qaacceeffamanii toftaa addeessuu fayyadamun ibsamaniru.
Dhuma irratti, yaada guduunfaa, argannoofi yaada furmaataa qorannichaaf kennameera.