QAACCESSA NAMFAKKIIWWAN DUBARTOOTAA ASOOSAMA, “ BURREEN BIFA TOKKOO MITI” JEDHU KEESSATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Taaffasaatiin, Tigist
dc.contributor.author Amaan, Dr. Jeeyilaan
dc.contributor.author Abdoon, Mohaammad
dc.date.accessioned 2018-01-28T16:11:24Z
dc.date.available 2018-01-28T16:11:24Z
dc.date.issued 2018-12
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/1424
dc.description 66p. en_US
dc.description.abstract Namfakkiiwwan namoota seenaa asoosama tokkoo keessatti qooda fudhataniidha. Barreessaan, addunyaa asoosamaa uumuudhaan dhimmoota hawaasummaa kan akka siyaasaa, dinagdee, aadaa, duudhaa, safuufi kanneen kana fakkaatan irratti xiyyeefachuun dhaamsa kaayyeeffatee dubbistootaaf kan dabarsuu kan danda'u namfakkiiwwan yoo jiraatan qofa. Namfakkiiwwan ilaalcha, amantaa, aadaa akkasumas jiruufi jireenyaa yomeessa seenaan asoosamichaa irratti hundeeffame calaqqisiisu. Namfakkiiwwan dubartootaas namfakkiiwwan jalatti ramadamu. Asoosaan namfakkiiwwan dubartootaa yogguu kalaquus ta'ee sureessuu xiyyeeffannoo kennuu qaba. Haaluma kanaan, kaayyoon qorannoo kanaa kitaaba asoosama dheeraa Burreen Bifa Tokkoo Miti jedhu keessatti namfakkiiwwan dubartootaa galumsa hawaas-aadaa keessattiaaccessuudha.Gosti qorannoon kun ittiin gaggeeffames qorannoo al-lakkoofsaawaa ta'ee, madda ragaa sadarkaa tokkooffaatiin dhimma bahameera. Mallii qorannichi itti adeemsifame mala ibsaatiindha. Odeeffannoo qorannichaaf qabxiilee bu'uuraa kan ta'an asoosama Burreen Bifa Tokkoo Miti jedhu keessatti hundaa'un kanneen odeeffannoo biroo qorannichaaf kennan waliin qindeessuun xinxalalamera. Haaluma kanaan asoosama filatamee keessatti taatota dubartootaa irratti xiyyeeffachuun akkaataa kalaqiinsa dubartootaafi mala ittiin sureeffaman, amalootaafi eenyummaa namfakkiiwwan dubartootaa, gaheewwan isaan hawaasummaa keessatti qabaniifi sababoota midhaalee xinsammuu isaan irratti fide sakatta'uun addeessuu irratti xiyyeeffateera. Irraawwatamni qorannichaa kitaaba asoosama dheeraa" Burreen Bifa Tokkoo Miti jedhamu yoo ta'u, kitaabni kun kan filatames gosa iddatteessuu caraan alaa keessaa toftaa iddatteessuu kaayyeeffataatiindha. Malli funaansi ragaalee kan bu'uureeffatee sakatta'a harshammee yogguu ta'u, asoosamicha gadiifageenyaan dubbisudhaan odeeffannoo matadureefi kaayyoo qorannichaa wajjiin deemu danda'an keessaa fudhachudhaani. Ragaaleen akkaataa armaan olitti funaanaman qabxiilee kaayyoo gooree qorannichaa jalatti tarreeffaman irratti fulleeffachudhaan dubartootaa dubartootaa asoosamicha keessatti dhiyaatan qabiyyeewwan ijootti hiruun qaacceeffamanii toftaa addeessuu fayyadamun ibsamaniru. Dhuma irratti, yaada guduunfaa, argannoofi yaada furmaataa qorannichaaf kennameera. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title QAACCESSA NAMFAKKIIWWAN DUBARTOOTAA ASOOSAMA, “ BURREEN BIFA TOKKOO MITI” JEDHU KEESSATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account