Abstract:
Qorannoon kun Ittii Fayyadama Afaanii Kabaja Ayyaana Ateetee qaaccessuu irratti xiyyeefata. Qorataan kabajni ayyaana ateetee kun iddoo hedduutti dhiibbaa amantitiin akka hafaa dhufe argaafi dhagahaa tureera. Kanumarraa, ka’uun qorataan qorannoo isaa” Qaacceessa itti fayyadama afaanii ayyaana ateetee keessatti” mata duree jedhurratti xiyyeeffateera. Haaluma kanaan kaayyoo gooroo qorannoo kanaas, qaacceessa itti fayyadama afaanii kabaja Ayyaana ateetee kan jedhuudha. Malli qorannichaa mala qulqulleeffataa yoo ta’u, tooftaalee iddatteessuu darbaa dabarsaatti fayyadameera. Maloonni funaansa ragaalee qorannichaaf hojiirra oolanii af-gaaffiifi daawwannaa hirmaannaati. Ragaaleen maloota kanaan walitti qabaman ammoo tooftaa qorannoo ibsaa fayyadamuun qaacceffamaniiru. Akka ragaan qorannoo kanaa ibsutti ergaan dubbiin qoolaa faaruu ateetee keessatti argaman nameessa, ideessuu, akkeefi suureessa yoo ta’an,ergaan isaanii nageenyaafi qabeenya, abdii ,hawwii,beekumsa,kabaja,jalaala,jajjabina, gootummaa akka horatan kan jajjabeesudha.Gama biraan ammoo hammeenya,jibba, tuffii, balaa hamaa, deega kan balaalleeffatu ergaa jedhu qaba. Itti fayyadamni afaanii faaruu ateetee kana keesstti kan akka jechoota yeroo idilee hawaasni dhimma itti bahurra adda ta’e ayyaana ateeteef kan fayyadaman akka ta’e hubachuun danada’ameera. Akkasumas jechoota ciccimoofi dhokatanii gola hawaasaa keessa jiraiifi duudhaa hawaasichaa hammtan, jechoota dachaa faaruu ateetee keesstti dhimma itti bahame. Akkasumas, eebba ijoollee dhiiraafi dubaraa keessatti itti fayyadamni afaanii garagaraa ta’uu isaa qorannoo kana keessaatti hubachuun danda’ameera. Dhumarrattis itti fayyadamni afaanii ayyaana ateetee iddoo qorataan kun qorannoo itti gaggeesse baayyee barbaachisaafi guddina Afaan Oromootiif bu’aan inni qabu daran olaanaa ta’uu hubateera. Yaboo qorannoo kanaatiin xiyyeeffannoon barbaachisaa ta’e akka kennamuufi qabu qoratichaan akeekni kennameera.