QAACCEESSA ITTI FAYYADAMA AFAANII KABAJA AYYAANA ATEETEE: GODINA SHAWAA BAHAA AANAA DUGDAA KEESSATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Tasammaa, Dirribaa
dc.contributor.author Fiqaaduu Baldaa, Garaaraa
dc.contributor.author Bayyanaa (PhD), Imaanaa
dc.date.accessioned 2018-01-28T17:22:14Z
dc.date.available 2018-01-28T17:22:14Z
dc.date.issued 2019-11
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/2512
dc.description 93p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun Ittii Fayyadama Afaanii Kabaja Ayyaana Ateetee qaaccessuu irratti xiyyeefata. Qorataan kabajni ayyaana ateetee kun iddoo hedduutti dhiibbaa amantitiin akka hafaa dhufe argaafi dhagahaa tureera. Kanumarraa, ka’uun qorataan qorannoo isaa” Qaacceessa itti fayyadama afaanii ayyaana ateetee keessatti” mata duree jedhurratti xiyyeeffateera. Haaluma kanaan kaayyoo gooroo qorannoo kanaas, qaacceessa itti fayyadama afaanii kabaja Ayyaana ateetee kan jedhuudha. Malli qorannichaa mala qulqulleeffataa yoo ta’u, tooftaalee iddatteessuu darbaa dabarsaatti fayyadameera. Maloonni funaansa ragaalee qorannichaaf hojiirra oolanii af-gaaffiifi daawwannaa hirmaannaati. Ragaaleen maloota kanaan walitti qabaman ammoo tooftaa qorannoo ibsaa fayyadamuun qaacceffamaniiru. Akka ragaan qorannoo kanaa ibsutti ergaan dubbiin qoolaa faaruu ateetee keessatti argaman nameessa, ideessuu, akkeefi suureessa yoo ta’an,ergaan isaanii nageenyaafi qabeenya, abdii ,hawwii,beekumsa,kabaja,jalaala,jajjabina, gootummaa akka horatan kan jajjabeesudha.Gama biraan ammoo hammeenya,jibba, tuffii, balaa hamaa, deega kan balaalleeffatu ergaa jedhu qaba. Itti fayyadamni afaanii faaruu ateetee kana keesstti kan akka jechoota yeroo idilee hawaasni dhimma itti bahurra adda ta’e ayyaana ateeteef kan fayyadaman akka ta’e hubachuun danada’ameera. Akkasumas jechoota ciccimoofi dhokatanii gola hawaasaa keessa jiraiifi duudhaa hawaasichaa hammtan, jechoota dachaa faaruu ateetee keesstti dhimma itti bahame. Akkasumas, eebba ijoollee dhiiraafi dubaraa keessatti itti fayyadamni afaanii garagaraa ta’uu isaa qorannoo kana keessaatti hubachuun danda’ameera. Dhumarrattis itti fayyadamni afaanii ayyaana ateetee iddoo qorataan kun qorannoo itti gaggeesse baayyee barbaachisaafi guddina Afaan Oromootiif bu’aan inni qabu daran olaanaa ta’uu hubateera. Yaboo qorannoo kanaatiin xiyyeeffannoon barbaachisaa ta’e akka kennamuufi qabu qoratichaan akeekni kennameera. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title QAACCEESSA ITTI FAYYADAMA AFAANII KABAJA AYYAANA ATEETEE: GODINA SHAWAA BAHAA AANAA DUGDAA KEESSATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account