Abstract:
Qorannoo kun Oromoo Salaalee Aanaa Warra Jaarsootti kan gaggeeffame yommuu ta’u,
kaayyoon isaas aadaa sirba goobee dargaggoonni simannaa birraafi ayyaana gubaa irratti sirban
qaacceessuudha.Sirni raawwii sirba goobee simannaa jala bultii ayyaana gubaa irratti sirbaman,
raawwii sirbicha keessatti sirbaman qaacceeffamanii jiru. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda
ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaati. Qorannoo kana galmaan gahuuf meeshaaleen
funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffii, daawwannaa, marii gareefi waraabbiin suursagalee
dhimma bahamaniiru. Ragaaleen qorannichaa mala iddattoo miti-carraa kaayyefataafi
iyyaafannoonfilatamaniiu. Haaluma kanaan raawwiin sirba goobee ayyaana gubaa duraafi gaafa
ayyanichaa maal akka fakkaatu, maaliif akka sirbamu, eenyuun akka sirbamu, gaheen inni
hariiroo hawaasummaa cimsuu keessatti qabu, haala inni yeroo ammaa irratti argamuufi
fuulduraaf maal ta’uu akka qabu wal duraa duubaan ibsamaniiru. Afwalaloowwan sirba goobee
dhaamsi isaan of keessaa qabaniifi ergaa akkamii akka dabarsan qaacceeffamanii jiru. Haaluma
kanaan aadaan sirba goobee ayyaana ukee yookiin walakeessa ji’a hagayyaa irraa eegalee
gurmuu dargaggootaan kan sirbamu akka ta’eefi simannaa birraafi ayyaana gubaaf akka ta’e
bira gahameera. Aadaan sirba goobee yeroo ammaa sababoota kanneen akka
babal’achuu amantaa garagaraa fi qaroominaan wal qabatee namni aadaa kana hordofuu
dhiisu irraa kan ka’e harca’aa akka dhufe ta’uu qorannoo kanaan
mirkanaa’eera.Argannoon qorannoo kanaas sirbi goobee kan sirbamu kutaa hawaasa
ijoollee tika loonii keessaa bahanii gara dargagguummattii cehaniin yoo tahu,yeroon
sirbamuus walakkeessaa ji’a hagayyaaa irraa hanga walakkeessaa ji’a fulbaanatti akka
tahe beekuun danda’ameera.Meeshaalee aadaa yeroo sirba goobee ittiin dhimma
Bahaman hulee babarruu,qoobii migiraa,daabee jaldeessaa tahuun barameera.Duudhaa fi
safuu hawaassummaa sirbi goobee marartee,hooda,hawwii hawaasni walii qabu akka
cimsuu dandahu hubatameera. Haala ragaan qorannoo kanaa mul’isuuttii wantootni
aadaan kun akka lafa hin qabanneef sababa tahan babal’achuu amantaa fi qaroomina
hawaasa akka tahe bira gahameera.