SIRBA GOOBEE :AMANTAA AYYAANEFFANNAAFI HOODA (SALAALE, WARRA JAARSOTTI)

Show simple item record

dc.contributor.author Birraatuu Aaboyee, Laggasaa
dc.contributor.author Bayyanaaf, Dr. Imaanaa
dc.contributor.author Amaan, Dr. Jeeylaan
dc.date.accessioned 2018-01-28T17:31:21Z
dc.date.available 2018-01-28T17:31:21Z
dc.date.issued 2019-03
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/2519
dc.description 61p. en_US
dc.description.abstract Qorannoo kun Oromoo Salaalee Aanaa Warra Jaarsootti kan gaggeeffame yommuu ta’u, kaayyoon isaas aadaa sirba goobee dargaggoonni simannaa birraafi ayyaana gubaa irratti sirban qaacceessuudha.Sirni raawwii sirba goobee simannaa jala bultii ayyaana gubaa irratti sirbaman, raawwii sirbicha keessatti sirbaman qaacceeffamanii jiru. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaati. Qorannoo kana galmaan gahuuf meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffii, daawwannaa, marii gareefi waraabbiin suursagalee dhimma bahamaniiru. Ragaaleen qorannichaa mala iddattoo miti-carraa kaayyefataafi iyyaafannoonfilatamaniiu. Haaluma kanaan raawwiin sirba goobee ayyaana gubaa duraafi gaafa ayyanichaa maal akka fakkaatu, maaliif akka sirbamu, eenyuun akka sirbamu, gaheen inni hariiroo hawaasummaa cimsuu keessatti qabu, haala inni yeroo ammaa irratti argamuufi fuulduraaf maal ta’uu akka qabu wal duraa duubaan ibsamaniiru. Afwalaloowwan sirba goobee dhaamsi isaan of keessaa qabaniifi ergaa akkamii akka dabarsan qaacceeffamanii jiru. Haaluma kanaan aadaan sirba goobee ayyaana ukee yookiin walakeessa ji’a hagayyaa irraa eegalee gurmuu dargaggootaan kan sirbamu akka ta’eefi simannaa birraafi ayyaana gubaaf akka ta’e bira gahameera. Aadaan sirba goobee yeroo ammaa sababoota kanneen akka babal’achuu amantaa garagaraa fi qaroominaan wal qabatee namni aadaa kana hordofuu dhiisu irraa kan ka’e harca’aa akka dhufe ta’uu qorannoo kanaan mirkanaa’eera.Argannoon qorannoo kanaas sirbi goobee kan sirbamu kutaa hawaasa ijoollee tika loonii keessaa bahanii gara dargagguummattii cehaniin yoo tahu,yeroon sirbamuus walakkeessaa ji’a hagayyaaa irraa hanga walakkeessaa ji’a fulbaanatti akka tahe beekuun danda’ameera.Meeshaalee aadaa yeroo sirba goobee ittiin dhimma Bahaman hulee babarruu,qoobii migiraa,daabee jaldeessaa tahuun barameera.Duudhaa fi safuu hawaassummaa sirbi goobee marartee,hooda,hawwii hawaasni walii qabu akka cimsuu dandahu hubatameera. Haala ragaan qorannoo kanaa mul’isuuttii wantootni aadaan kun akka lafa hin qabanneef sababa tahan babal’achuu amantaa fi qaroomina hawaasa akka tahe bira gahameera. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title SIRBA GOOBEE :AMANTAA AYYAANEFFANNAAFI HOODA (SALAALE, WARRA JAARSOTTI) en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account