Abstract:
Qorannoon kun meeshaalee aadaa sirna fuudhaafi heeruma Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum
ibsuufi xiinxaluu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon gooroo qorannichaa hiikaawwan meeshaalee
aadaa sirna fuudhaafi heeruma Oromoo Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum galuumsa
hawaasaa keessatti ibsuufi xiinxaluudha. Maddi ragaalee qorannichaa maanguddoota waa’ee
sirna fuudhaafi heeruma irratti muuxannoofi hubannoo qaban yoo ta’u, mala iddatteessuu
akkayyootti dhimma bahame. Ragaaleen qorannichaaf barbaachisan immoo meeshaalee funaansa
ragaalee kanneen akka afgaaffiifi daawwannaan funaannaman. Ragaaleen kunneenis erga
qoqqoodamaniin booda mala akkamtaatiin xiinxalaman. Uummatni Oromoo aadaa, seenaa,
duudhaa, falaasama Jiruufi jireenyaa hawaasini kun waliin qabu keessaa tokko sirna hawaasaati.
Sirni fuudhaafi heerumaa safuufi duudhaa mataa isaa qaba. Raawwii isaa keessatti meeshaaleen
aadaa gara garaa ni mul’atu. Ragaalee xiinxalamanirratti hundaa’uun argannoowwan jiran
tartiibni sirna fuudhaafi heeruma Oromoo Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum sadarkaalee sadi
keessa darba. Isaanis sirna cidhaan duraa ,sirna jala bultiifi sirna guyyaa cidhaa fa’a. sirna
cidhaan duraa keessatti laallannaa, qorannaa sanyii, raaga, kaadhimannaa, gabbaraafi gabbartii
fa’atu raawwatama. Guyyaa jalbultii cidhaa sirna milisee filachuufi halangee mucaa kennu fa’atu
raawwatama. Guyyaa cidhaa immoo miilsotaafi saddeeta waliin Uwwisa, guduunfaa, aannan
mijuu dhandhamuu ,intala gulanteeffachuufi miciyyoon urgeessaa, coqorsaafi siinqee qabattee
bawuu, Guchuma aannan guutuu, shaqaxii dhadhaa, gilgilii libaanosaa jala baasuufi sirna
aannan biifuun eebbisuu fa’atu raawwatama. Sadarkaa Cidha boodaa keessatti qorii haadhaafi
karra deebiin wal duraa duubaan raawwatamu. Fakkoommiiwwan meeshaalee sirnicha keessatti
bal’inaan kan mul’atan yommuu ta’u, isaanis aadaa, duudhaa, safuufi falaasama hawaasa Aanaa
Odaa Bultum ibsu. Walumaagalatti aadaa sirna bultii jaaruu hawaasichaan jaalatamaafi
kabajamaa tahe kana irra deddeebi’uun qorachuufi kunuunsuun dhaloota kallattii qabsiisuun
akka itti fayyadaman gochuun gahee waajjira Aadaafi Tuurizimii aanichaa qofa osoo hin taane
kaka’uumsa hawaasa maraa kan gaafatatu waan ta’eef irratti hojjetamuu qabaan dhaamsa
qorataa kanaati.