AADAA SIRNA FUUDHAAFI HEERUMA HARARGEE LIXAA AANAA ODAA BULTUM

Show simple item record

dc.contributor.author Ibraahim Godaanaa, Ahmed
dc.contributor.author Bayyanaa, (PhD) Imaanaa
dc.contributor.author Amaan (PhD, Jeylaan
dc.date.accessioned 2021-03-22T02:49:32Z
dc.date.available 2021-03-22T02:49:32Z
dc.date.issued 2020-10
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/3547
dc.description 83p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun meeshaalee aadaa sirna fuudhaafi heeruma Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum ibsuufi xiinxaluu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon gooroo qorannichaa hiikaawwan meeshaalee aadaa sirna fuudhaafi heeruma Oromoo Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum galuumsa hawaasaa keessatti ibsuufi xiinxaluudha. Maddi ragaalee qorannichaa maanguddoota waa’ee sirna fuudhaafi heeruma irratti muuxannoofi hubannoo qaban yoo ta’u, mala iddatteessuu akkayyootti dhimma bahame. Ragaaleen qorannichaaf barbaachisan immoo meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffiifi daawwannaan funaannaman. Ragaaleen kunneenis erga qoqqoodamaniin booda mala akkamtaatiin xiinxalaman. Uummatni Oromoo aadaa, seenaa, duudhaa, falaasama Jiruufi jireenyaa hawaasini kun waliin qabu keessaa tokko sirna hawaasaati. Sirni fuudhaafi heerumaa safuufi duudhaa mataa isaa qaba. Raawwii isaa keessatti meeshaaleen aadaa gara garaa ni mul’atu. Ragaalee xiinxalamanirratti hundaa’uun argannoowwan jiran tartiibni sirna fuudhaafi heeruma Oromoo Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum sadarkaalee sadi keessa darba. Isaanis sirna cidhaan duraa ,sirna jala bultiifi sirna guyyaa cidhaa fa’a. sirna cidhaan duraa keessatti laallannaa, qorannaa sanyii, raaga, kaadhimannaa, gabbaraafi gabbartii fa’atu raawwatama. Guyyaa jalbultii cidhaa sirna milisee filachuufi halangee mucaa kennu fa’atu raawwatama. Guyyaa cidhaa immoo miilsotaafi saddeeta waliin Uwwisa, guduunfaa, aannan mijuu dhandhamuu ,intala gulanteeffachuufi miciyyoon urgeessaa, coqorsaafi siinqee qabattee bawuu, Guchuma aannan guutuu, shaqaxii dhadhaa, gilgilii libaanosaa jala baasuufi sirna aannan biifuun eebbisuu fa’atu raawwatama. Sadarkaa Cidha boodaa keessatti qorii haadhaafi karra deebiin wal duraa duubaan raawwatamu. Fakkoommiiwwan meeshaalee sirnicha keessatti bal’inaan kan mul’atan yommuu ta’u, isaanis aadaa, duudhaa, safuufi falaasama hawaasa Aanaa Odaa Bultum ibsu. Walumaagalatti aadaa sirna bultii jaaruu hawaasichaan jaalatamaafi kabajamaa tahe kana irra deddeebi’uun qorachuufi kunuunsuun dhaloota kallattii qabsiisuun akka itti fayyadaman gochuun gahee waajjira Aadaafi Tuurizimii aanichaa qofa osoo hin taane kaka’uumsa hawaasa maraa kan gaafatatu waan ta’eef irratti hojjetamuu qabaan dhaamsa qorataa kanaati. en_US
dc.description.sponsorship haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title AADAA SIRNA FUUDHAAFI HEERUMA HARARGEE LIXAA AANAA ODAA BULTUM en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account