Abstract:
Qorannoon kun mata-duree “Mammaaksota dhimmoota jaarsummaafi araaraa keessatti” jedhurratti kan
gaggeeffameedha. Kaayyoon qorannoo kanaa, mammaaksota jaarsummaa keessatti dhimmi itti bahamu
funaanun qaaccessuudha. Qorannoon kun qorannoo akkamtaa waan ta’eef mala ibsaatiin kan
dalagameedha. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaa yoo ta’u,
akka madda ragaa tokkooffaatti maanguddoota waa’ee mammaaksaa irratti beekumsaa gahaa qabaniif
dubbii jaarsummaa keessatti hirmaatan irraa kan funaanameedha. Akka madda ragaa lammaaffatti
ammoo, harshammeewwan dhimmoota mammaaksaa irratti barreeffamanii jiran funaanudhaan
odeeffannoon kan irraa argameedha. Meeshaleen odeeffannoon ittin funaaname mala afgaaffiif sakatta’a
harshammeewwaniiti. Malli iddatteessuu hojiirra oole miti carraa yoo ta’u, mala miti-carraa keessaa
mala iyyaafataatu dhimma bahame. Malli xiinxala ragaalee odeeffannoo argaman jechootatti
fayyadamuudhaan karaa barreeffamaan kan qaacceffamaniidha. Ragaaleen karaa garagaraatin walitti
qabaman qabiyyeen, ergaafi faayidaalee isaanitiin kan xiinxalamaniidha. Cuunfaa, argannoofi yaadni
furmaataa qorannoo kanaa guutummaatti boqonnaa 4ffaa keessatti wantoota argaman irratti kan
xiyyeffateedha