Abstract:
Qorannoon kun‘ Meeshaalee aadaa Oromoo Arsii sirnoota gaa’elaafi hiika fakkoommii isaanii’ mata
duree jedhurratti hanga ammatti qorannoon gad fageenyaan gaggeeffame bal’inaan hin jiru. Sababa
kanarraa ka’uudhaan qorataan kun sakatta’a meeshaalee aadaa Oromoo Arsii sirnoota gaa’elaafi
hiika fakkoommii isaanii ilaaluuf murteesse. Kanuma bu’uureffachuun kaayyoon qorannoo kanaa
sakatta’a meeshaalee aadaa Oromoo Arsii sirnoota gaa’ilaafi hiika fakkoommii isaanii Godina Arsii
Aanaa Heexosaa keessatti argaman xiinxaluun ibsuudha. Ragaaleen qorannoo kanaas kan argaman
mala akkamtaa yoo ta’an, madda ragaalee tokkoffaafi lammaffaa sakattaa’amaniiru. Meeshaaleen
funaansa ragaalee qorannichaaf hojiirraa oolanii kanneen akka afgaaffii, daawwannaafi sakatta’a
galmeewwaniiti. Ragaalee kallattii garaa garaa irraa meeshaalee funaansa ragaalee armaan olitiin
walitti qabaman kunniin mala akkamtatti dhimma bahuun boqonnaa afur jalatti gadi fageenyaan
qaacceffamaniiru. Ragaalee qaacceeffaman kana bu’uura godhachuun argannoowwan jiran akka
ibsanitti meeshaleen sirna gaa’ala keessatti itti dhimma bahaman kanneen akka alangee, masoobii,
guchumaafi waan kana fakkaatan akka ta’an bira gahameera. Akkasumas, gogaa, migira ,callee,
teepha, muka, suphee, buqqee gaanfaafi waan kana fakkatan irraa kan hojjetamaniifi hiikni
fakkoommii meeshaaleen kunniin gaa’ela keessatti qaban bira gahameera .kana malee, meeshaalee
aadaa adeemsa keessa meeshaalee ammayyaatiin bakka bu’amaa kan jiran ta’u hubatameera,
Yaboon qorannichaa immoo meeshaalee aadaa Oromoo Arsii sirnoota gaa’elaa keessatti itti
fayyadaman: alangee, guchumaaf waan kana fakkaatanii fi hiika fakkoommii isaanii akka hin
dagatamne taasisuudha. Meeshaalee aadaa gogaa suphee mukaafi waan kana fakkaatuu irraa
hojjataman dhaloota haaraa akka darbu taasisuudha. Meeshaalee aadaaf xiyyeeffannoo kennuu
dhabuu, dagatamaa deemuu fi meeshaalee ammayyatiin bakka bu’amaa kan jiran ta’uu beekuudhaan
meeshaalee kanneen badii irraa hanbisuuf waajjirri Aadaafi Tuurizumii Aanaa Heexosaa sababoota
meeshaalee aadaa irratti dhiibbaa geessisan hubachuun rakkoo gama kan jiru xiqqeessuun ni danda’a