Sakatta’a Meeshaalee Aadaa Oromoo Arsii Sirnoota Gaa’elaafi Hiika Fakkoommii Isaanii: Godina Arsii Aanaa Heexosaa

Show simple item record

dc.contributor.author Waadoo Siifee, Kamaal
dc.contributor.author Abdootiif, piroofeesaraa Mahaammad
dc.date.accessioned 2021-06-28T04:01:13Z
dc.date.available 2021-06-28T04:01:13Z
dc.date.issued 2020-06
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/3772
dc.description 62p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun‘ Meeshaalee aadaa Oromoo Arsii sirnoota gaa’elaafi hiika fakkoommii isaanii’ mata duree jedhurratti hanga ammatti qorannoon gad fageenyaan gaggeeffame bal’inaan hin jiru. Sababa kanarraa ka’uudhaan qorataan kun sakatta’a meeshaalee aadaa Oromoo Arsii sirnoota gaa’elaafi hiika fakkoommii isaanii ilaaluuf murteesse. Kanuma bu’uureffachuun kaayyoon qorannoo kanaa sakatta’a meeshaalee aadaa Oromoo Arsii sirnoota gaa’ilaafi hiika fakkoommii isaanii Godina Arsii Aanaa Heexosaa keessatti argaman xiinxaluun ibsuudha. Ragaaleen qorannoo kanaas kan argaman mala akkamtaa yoo ta’an, madda ragaalee tokkoffaafi lammaffaa sakattaa’amaniiru. Meeshaaleen funaansa ragaalee qorannichaaf hojiirraa oolanii kanneen akka afgaaffii, daawwannaafi sakatta’a galmeewwaniiti. Ragaalee kallattii garaa garaa irraa meeshaalee funaansa ragaalee armaan olitiin walitti qabaman kunniin mala akkamtatti dhimma bahuun boqonnaa afur jalatti gadi fageenyaan qaacceffamaniiru. Ragaalee qaacceeffaman kana bu’uura godhachuun argannoowwan jiran akka ibsanitti meeshaleen sirna gaa’ala keessatti itti dhimma bahaman kanneen akka alangee, masoobii, guchumaafi waan kana fakkaatan akka ta’an bira gahameera. Akkasumas, gogaa, migira ,callee, teepha, muka, suphee, buqqee gaanfaafi waan kana fakkatan irraa kan hojjetamaniifi hiikni fakkoommii meeshaaleen kunniin gaa’ela keessatti qaban bira gahameera .kana malee, meeshaalee aadaa adeemsa keessa meeshaalee ammayyaatiin bakka bu’amaa kan jiran ta’u hubatameera, Yaboon qorannichaa immoo meeshaalee aadaa Oromoo Arsii sirnoota gaa’elaa keessatti itti fayyadaman: alangee, guchumaaf waan kana fakkaatanii fi hiika fakkoommii isaanii akka hin dagatamne taasisuudha. Meeshaalee aadaa gogaa suphee mukaafi waan kana fakkaatuu irraa hojjataman dhaloota haaraa akka darbu taasisuudha. Meeshaalee aadaaf xiyyeeffannoo kennuu dhabuu, dagatamaa deemuu fi meeshaalee ammayyatiin bakka bu’amaa kan jiran ta’uu beekuudhaan meeshaalee kanneen badii irraa hanbisuuf waajjirri Aadaafi Tuurizumii Aanaa Heexosaa sababoota meeshaalee aadaa irratti dhiibbaa geessisan hubachuun rakkoo gama kan jiru xiqqeessuun ni danda’a en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title Sakatta’a Meeshaalee Aadaa Oromoo Arsii Sirnoota Gaa’elaafi Hiika Fakkoommii Isaanii: Godina Arsii Aanaa Heexosaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account