Abstract:
Dhimmi ijoon qorannoo kanaa meeshaalee aadaa Oromoo kanneen Godina Arsii, aanaa Diksiisiti nyaatafi dhugaatii keessatti tajaajila kennan sakatta’uu irratti xiyyeefata.Qorataan qorannoo kana gaggeessuuf kan isa kakaase: muuxannoo barsiisummaa aanicha keessatti qabuurra akka hubateetti hawaasa aanichaa biratti hubannoon meeshaalee aadaa nyaatafi dhugaatiif qaban laafaa dhufuu, ammayyumaan walqabatee meeshaaleen aadaa kunneen meeshaalee ammayyaatin dhaalamaa waan jiruuf dhaloota haaroofti akka hindaganne barreeffamaan tursuusu. Akkasumas, namoota meeshaalee aadaa kaanneen hinbeekneef hubannoo kennuufi. Kaayyoon qorannoo kanaa meeshaaleen aadaa Oromoo nyaatafi dhugaatii keessatti tajaajilan sakatta’uun ibsuudha. Saxaxini qorannoo akkamtaa kan hordofu ta’ee, gosti qorannoo ibsaadha. Malli iddatteessuu akkaayyoodha. Meeshaaleen funaansa ragaalee afgaaffiifi daawwannaan fayyadamuun ragaaleen kan funaannameera. Ragaaleen funaannaman jechaafi miti lakkoofsaan gosa gosaan qoqqooduun ibsamera. Akka waliigalaattis,meeshaalee aadaa Oromoo nyaataafi dhugaatii keessatti tajaajila kenneen adda bahaniiru. Meeshaaleen aadaa kunneen maalirra akka hojjetaman bira gahameera. Oomishniifi akkaataan itti fayyadaminsa meeshaaleen aadaa nyaatafi dhugaatii keessatti tajaajian yeroo ammaa kana akka duraanii kan hinmul’anne ta’uufi dhaloota haarayaatiin salphaatti irraanfatamuu danda’uu isaa kan hubatamera. Akkasumas, meeshaalee ammayyaatiin bakka buusamaa jiraachuu isaanii argannoo qorannoo kanaatti. Akka yaada yabooti ibsaman,namoonni gosoota meeshaalee aadaa nyaatafi dhugaatii keessatti tajaajian kan Godina Arsii Aanaa Diksiis maal fa’a akka ta’an kan beekan, namoota hinbeekneef hubannoo osoo kennani. Namoota ogummaa meeshaalee aadaa nyaatafi dhugaatii keessatti tajaajian hojjechuun beekamaniif deeggarsi barbaachisu wiirtuu leenjii ogummaatiin osoo kennameefi. Gama biroon, meeshaalee aadaa nyaatafi dhugaatii aanicha keessatti tajaajian kanneen haala qabatama aanichaa, kan eenyummaa, safuu, duudhaafi aadaa hawaasichaa ibsan akka hinbanne Waajjirri Aadaafi Turiziimii aanichaa kunuunsa osoo taasiseefi akka yaada furmaata ijootti kennameera. Walumaagalatti, meeshaaleen aadaa nyaatafi dhugaatii keessatti tajaajilan kunuunsanii dhalootaaf dabarsuun barbaachisaadha