SAKATTA’A MEESHAALEE AADAA OROMOO NYAATAFI DHUGAATII KEESSATTI TAJAAJILAN: GODINA ARSII, AANAA DIKSIIS

Show simple item record

dc.contributor.author Tasfaayee Balaay, Baayyuu
dc.contributor.author Abdoo, ( Gar. Piroff.) Mohaammad
dc.contributor.author Amaan, (PhD) Jeeyilaan
dc.date.accessioned 2021-07-07T03:13:50Z
dc.date.available 2021-07-07T03:13:50Z
dc.date.issued 2021-06
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/3913
dc.description 72p. en_US
dc.description.abstract Dhimmi ijoon qorannoo kanaa meeshaalee aadaa Oromoo kanneen Godina Arsii, aanaa Diksiisiti nyaatafi dhugaatii keessatti tajaajila kennan sakatta’uu irratti xiyyeefata.Qorataan qorannoo kana gaggeessuuf kan isa kakaase: muuxannoo barsiisummaa aanicha keessatti qabuurra akka hubateetti hawaasa aanichaa biratti hubannoon meeshaalee aadaa nyaatafi dhugaatiif qaban laafaa dhufuu, ammayyumaan walqabatee meeshaaleen aadaa kunneen meeshaalee ammayyaatin dhaalamaa waan jiruuf dhaloota haaroofti akka hindaganne barreeffamaan tursuusu. Akkasumas, namoota meeshaalee aadaa kaanneen hinbeekneef hubannoo kennuufi. Kaayyoon qorannoo kanaa meeshaaleen aadaa Oromoo nyaatafi dhugaatii keessatti tajaajilan sakatta’uun ibsuudha. Saxaxini qorannoo akkamtaa kan hordofu ta’ee, gosti qorannoo ibsaadha. Malli iddatteessuu akkaayyoodha. Meeshaaleen funaansa ragaalee afgaaffiifi daawwannaan fayyadamuun ragaaleen kan funaannameera. Ragaaleen funaannaman jechaafi miti lakkoofsaan gosa gosaan qoqqooduun ibsamera. Akka waliigalaattis,meeshaalee aadaa Oromoo nyaataafi dhugaatii keessatti tajaajila kenneen adda bahaniiru. Meeshaaleen aadaa kunneen maalirra akka hojjetaman bira gahameera. Oomishniifi akkaataan itti fayyadaminsa meeshaaleen aadaa nyaatafi dhugaatii keessatti tajaajian yeroo ammaa kana akka duraanii kan hinmul’anne ta’uufi dhaloota haarayaatiin salphaatti irraanfatamuu danda’uu isaa kan hubatamera. Akkasumas, meeshaalee ammayyaatiin bakka buusamaa jiraachuu isaanii argannoo qorannoo kanaatti. Akka yaada yabooti ibsaman,namoonni gosoota meeshaalee aadaa nyaatafi dhugaatii keessatti tajaajian kan Godina Arsii Aanaa Diksiis maal fa’a akka ta’an kan beekan, namoota hinbeekneef hubannoo osoo kennani. Namoota ogummaa meeshaalee aadaa nyaatafi dhugaatii keessatti tajaajian hojjechuun beekamaniif deeggarsi barbaachisu wiirtuu leenjii ogummaatiin osoo kennameefi. Gama biroon, meeshaalee aadaa nyaatafi dhugaatii aanicha keessatti tajaajian kanneen haala qabatama aanichaa, kan eenyummaa, safuu, duudhaafi aadaa hawaasichaa ibsan akka hinbanne Waajjirri Aadaafi Turiziimii aanichaa kunuunsa osoo taasiseefi akka yaada furmaata ijootti kennameera. Walumaagalatti, meeshaaleen aadaa nyaatafi dhugaatii keessatti tajaajilan kunuunsanii dhalootaaf dabarsuun barbaachisaadha en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title SAKATTA’A MEESHAALEE AADAA OROMOO NYAATAFI DHUGAATII KEESSATTI TAJAAJILAN: GODINA ARSII, AANAA DIKSIIS en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account