Abstract:
Qorannoon kun kan adeemsifame qaaccessa adeemsa sirna kabaja ayyaana irreechaa Awaash Malkaa Qunxurree irratti yoo ta’u, kabaja ayyaanichaa caalumattiguddisuu fi eegumsa taasisuun hojii bu’uura qorannoo kanaati.Kaayyoon guddaan qorannichaa adeemsota kabaja ayyaanichaa qaaccessuu dha. Qorataa kanaaf ka’umsa kan ta’e ayyaana kana irra deebiin sakatta’uun guddisuu fi ceesisuu isaati. Gosti qorannoo kanaa qorannoo akkamtaa ti. Kanaafis, odeeffannoo malleen akka af-gaaffii, daawwannaa fi marii garee xiyyeeffannootiin funaanameera. Haaluma kanaan sirna kabaja ayyaana kanaarratti argamuudhaan ayyaanichi akkamitti akka kabajamu, adeemsotni kabaja ayyaanichaa maal akka fakkaatu, duudhaaleen ayyaana kanaa maal maal akka ta’an fi hariiroo ayyaanichii fi duudhaa Oromoo naannoo sanaa irratti ragaalee walitti qabuun qaaccessee dhiyeesseera.Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa kabaja ayyaana irreechaa qaaccessuudhaan ciminni jiru akka jajjabeeffamuu fi hanqinni mul’ate immoo akka fooyya’u taasisuu dha.Adeemsi xiinxala ragaalee qorannichaa kan raawwate ragaalee funaanamanitti hiika kennuun waan ta’eef mala hiikaan xiinxalame. Bu’aaleen qorannoo kana adeemsota sirna kabajaa ayyaanichaa qaaccessuun ibsuu, wantoota kabaja ayyaana kanaatti gufuu ta’uu malan adda baasuu, fi sadarkaa ayyaanichi irra jiru ibsuu ta’a. kanaafuu, argannoowwan caqafaman kana buura godhachuun beektotni Oromoo ayyaana kanas ta’e, ayyaanota aadaa Oromoo kanneen biroo irratti qorannoo ammayyaawaa gaggeessudhaan aadaa badaa fi dadhabaa adeemaa jiru jajjabeessuu fi akka itti fufuu fi guddatu taasisuu qabu kan jedhu yaada qorataa ti. Dhuma irratti ragaalee funaanaman kanneen of eeggannoodhaan qaaccessuun argannoowwan armaan gadii argachuun danda’ameera. Argannoowwan kunniinis,sirni kabaja ayyaana irreechaa adeemsa mataa isaa kan duraa duuba eeggate kan qabu ta’uu isaa, ayyaanni irreeechaa haala duudhaa fi amantaa hawaasa naannoo sanaatti hiikaalee akka abdii egeree ibsuu, ifaa, quufaa, gammachuu, galatoo fi kannen kana fakkaatan bifa ifaa ta’een lafa kaa’eera.