QAACCESSA KABAJA AYYAANA IRREECHAA AWAASH MALKAA QUNXURREE

Show simple item record

dc.contributor.author Gaamshuu Bookaa, Abrahaam
dc.contributor.author Baldaa, (MA) Fiqaaduu
dc.contributor.author Amaan, (PhD) Jeeylaan
dc.date.accessioned 2021-07-15T04:12:13Z
dc.date.available 2021-07-15T04:12:13Z
dc.date.issued 2019-06
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/4020
dc.description 75p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun kan adeemsifame qaaccessa adeemsa sirna kabaja ayyaana irreechaa Awaash Malkaa Qunxurree irratti yoo ta’u, kabaja ayyaanichaa caalumattiguddisuu fi eegumsa taasisuun hojii bu’uura qorannoo kanaati.Kaayyoon guddaan qorannichaa adeemsota kabaja ayyaanichaa qaaccessuu dha. Qorataa kanaaf ka’umsa kan ta’e ayyaana kana irra deebiin sakatta’uun guddisuu fi ceesisuu isaati. Gosti qorannoo kanaa qorannoo akkamtaa ti. Kanaafis, odeeffannoo malleen akka af-gaaffii, daawwannaa fi marii garee xiyyeeffannootiin funaanameera. Haaluma kanaan sirna kabaja ayyaana kanaarratti argamuudhaan ayyaanichi akkamitti akka kabajamu, adeemsotni kabaja ayyaanichaa maal akka fakkaatu, duudhaaleen ayyaana kanaa maal maal akka ta’an fi hariiroo ayyaanichii fi duudhaa Oromoo naannoo sanaa irratti ragaalee walitti qabuun qaaccessee dhiyeesseera.Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa kabaja ayyaana irreechaa qaaccessuudhaan ciminni jiru akka jajjabeeffamuu fi hanqinni mul’ate immoo akka fooyya’u taasisuu dha.Adeemsi xiinxala ragaalee qorannichaa kan raawwate ragaalee funaanamanitti hiika kennuun waan ta’eef mala hiikaan xiinxalame. Bu’aaleen qorannoo kana adeemsota sirna kabajaa ayyaanichaa qaaccessuun ibsuu, wantoota kabaja ayyaana kanaatti gufuu ta’uu malan adda baasuu, fi sadarkaa ayyaanichi irra jiru ibsuu ta’a. kanaafuu, argannoowwan caqafaman kana buura godhachuun beektotni Oromoo ayyaana kanas ta’e, ayyaanota aadaa Oromoo kanneen biroo irratti qorannoo ammayyaawaa gaggeessudhaan aadaa badaa fi dadhabaa adeemaa jiru jajjabeessuu fi akka itti fufuu fi guddatu taasisuu qabu kan jedhu yaada qorataa ti. Dhuma irratti ragaalee funaanaman kanneen of eeggannoodhaan qaaccessuun argannoowwan armaan gadii argachuun danda’ameera. Argannoowwan kunniinis,sirni kabaja ayyaana irreechaa adeemsa mataa isaa kan duraa duuba eeggate kan qabu ta’uu isaa, ayyaanni irreeechaa haala duudhaa fi amantaa hawaasa naannoo sanaatti hiikaalee akka abdii egeree ibsuu, ifaa, quufaa, gammachuu, galatoo fi kannen kana fakkaatan bifa ifaa ta’een lafa kaa’eera. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title QAACCESSA KABAJA AYYAANA IRREECHAA AWAASH MALKAA QUNXURREE en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account