Abstract:
Qorannoon kun qabiyyeewwan mammaaksota asoosamoota kitaabilee‘Kabiir Waadoo Gadaa
Sabboonaa Oromoo’fi‘Burreen Bifa Tokkoo Miti’ jedhu irratti fuulleffata. Ka’umsi hamma
qorataan dubbisuu yaaletti mataduree kanarratti qorannaan kanaan dura hojjetaman
jiraachuu dhabuu, walitti dhufeenya makmaaksaafi ogumaa cimsuu,muuxannoo
barreessitootaa fooyyessuufi gama makmaaksaan odeeffannoo dabaluuf qoratichi
mataduricha filateera. Kaayyoon gooroo qabiyyeewwan makmaaksota asoosamoota kabiir
waadoo gadaafi burreen bifa tokkoo miti jedhaman keessaa funaanuun xiinxaluudha. Saxaxni
qorannichaa immoo mala ibsaafi akkamtaa yoo ta’u; malli iddatteessuu mala iddattoo
dimmataatti dhimma bahameera. Meeshaan funaansa ragaalee mala sakatta’a harshammeeti.
Ragaaleen asoosama lameen sakatta’uun funaanaman gaaffilee ijoo qorannichaa
bu’ureeffachuun qoqqoodamanii xiinxalamaniiru. Argannoon qorannichaas makmaaksonni
asoosama burreen bifa tokkoo mitii keessatti qabiyyeewwan akka: tokkummaa, kabajaa,
iccitii, gaabbii, abdii, murannoo, tuffii, obsaafi cunqursaa kan ibsan ta’uun isaanii ibsameera.
Bifuma kanaan mammaaksonni asoosama (Kabiir Waadoo) keessatti argaman kanneen akka:
abdii, roorroo, dhugaa, obsa, gadadoofi gaabbii kan ibsan ta’uun isaanii qorannoo kanaan
hubatamaniiru. Lammaffaarratti argannoon Asoosama burreen bifa tokkoo mitiikeessatti
makmaaksonni faayidaalee akka: Onnachiisuufi jajjabeessuu, safuu eegsisuuf, mala jireenya
barsiisuuf, asoosama miidhagsuuf, haala jiruuf jireenya hawaasaa calaqqisiisuu, muuxannoo
barsiisuuf, yaada mormuufi amansiisuudha. Mammaaksotni kunneen asoosama ‘Kabiir
Waadoo Gadaa’keessatti immoo faayidaalee kanneen akka barsiisuufi ibsuu akka qaban
addeeffameera. Dhumarratti asoosamoonni lachuu mammaaksonni isaanii gama
hawaasummaafi siyaasaatiin walfakkaachuun isaanii hubatameera.Kanamalees
qabiyyeewwan mammaaksotaa asoosamoota filatamanii adda bahaniiru. Ta’us qabiyyeewwan
muraasa irratti garaagarummaa qabaachuun isaanis adda baheera. Yaboon immoo hamma
qorataan dubbisuu yaaletti odeeffannoon gama qabiyyeefi ergaa makmaaksotaa gargar
baasuuf gargaaran bal’inaan waan hin jirreef osoo hayyoonni dhimma kanarratti hojjetanii
gaariidha.Asoosama keessatti makmaaksota fayyadamuun hojiiwwan barreessitootaa
miidhagsuu bira dabree dubbistoota harkisuuf waan gargaaruuf osoo barreessitoonni
makmaaksota asoosama isaanii keessatti fayyadamanii gaariidha