XIINXALA QABIYYEEWWAN MAMMAAKSOTAA ASOOSAMOOTA ‘KABIIR WAADOO GADAA SABBOONAA OROMOO’FI ‘BURREEN BIFA TOKKOO MITI’ JEDHU KEESSATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Aammiyyee Hassanoo, Usmaa’il
dc.contributor.author Bayyanaa, Dr. Imaanaa
dc.date.accessioned 2021-10-27T06:22:22Z
dc.date.available 2021-10-27T06:22:22Z
dc.date.issued 2020-04
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/4326
dc.description 81p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun qabiyyeewwan mammaaksota asoosamoota kitaabilee‘Kabiir Waadoo Gadaa Sabboonaa Oromoo’fi‘Burreen Bifa Tokkoo Miti’ jedhu irratti fuulleffata. Ka’umsi hamma qorataan dubbisuu yaaletti mataduree kanarratti qorannaan kanaan dura hojjetaman jiraachuu dhabuu, walitti dhufeenya makmaaksaafi ogumaa cimsuu,muuxannoo barreessitootaa fooyyessuufi gama makmaaksaan odeeffannoo dabaluuf qoratichi mataduricha filateera. Kaayyoon gooroo qabiyyeewwan makmaaksota asoosamoota kabiir waadoo gadaafi burreen bifa tokkoo miti jedhaman keessaa funaanuun xiinxaluudha. Saxaxni qorannichaa immoo mala ibsaafi akkamtaa yoo ta’u; malli iddatteessuu mala iddattoo dimmataatti dhimma bahameera. Meeshaan funaansa ragaalee mala sakatta’a harshammeeti. Ragaaleen asoosama lameen sakatta’uun funaanaman gaaffilee ijoo qorannichaa bu’ureeffachuun qoqqoodamanii xiinxalamaniiru. Argannoon qorannichaas makmaaksonni asoosama burreen bifa tokkoo mitii keessatti qabiyyeewwan akka: tokkummaa, kabajaa, iccitii, gaabbii, abdii, murannoo, tuffii, obsaafi cunqursaa kan ibsan ta’uun isaanii ibsameera. Bifuma kanaan mammaaksonni asoosama (Kabiir Waadoo) keessatti argaman kanneen akka: abdii, roorroo, dhugaa, obsa, gadadoofi gaabbii kan ibsan ta’uun isaanii qorannoo kanaan hubatamaniiru. Lammaffaarratti argannoon Asoosama burreen bifa tokkoo mitiikeessatti makmaaksonni faayidaalee akka: Onnachiisuufi jajjabeessuu, safuu eegsisuuf, mala jireenya barsiisuuf, asoosama miidhagsuuf, haala jiruuf jireenya hawaasaa calaqqisiisuu, muuxannoo barsiisuuf, yaada mormuufi amansiisuudha. Mammaaksotni kunneen asoosama ‘Kabiir Waadoo Gadaa’keessatti immoo faayidaalee kanneen akka barsiisuufi ibsuu akka qaban addeeffameera. Dhumarratti asoosamoonni lachuu mammaaksonni isaanii gama hawaasummaafi siyaasaatiin walfakkaachuun isaanii hubatameera.Kanamalees qabiyyeewwan mammaaksotaa asoosamoota filatamanii adda bahaniiru. Ta’us qabiyyeewwan muraasa irratti garaagarummaa qabaachuun isaanis adda baheera. Yaboon immoo hamma qorataan dubbisuu yaaletti odeeffannoon gama qabiyyeefi ergaa makmaaksotaa gargar baasuuf gargaaran bal’inaan waan hin jirreef osoo hayyoonni dhimma kanarratti hojjetanii gaariidha.Asoosama keessatti makmaaksota fayyadamuun hojiiwwan barreessitootaa miidhagsuu bira dabree dubbistoota harkisuuf waan gargaaruuf osoo barreessitoonni makmaaksota asoosama isaanii keessatti fayyadamanii gaariidha en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title XIINXALA QABIYYEEWWAN MAMMAAKSOTAA ASOOSAMOOTA ‘KABIIR WAADOO GADAA SABBOONAA OROMOO’FI ‘BURREEN BIFA TOKKOO MITI’ JEDHU KEESSATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account