Abstract:
Qorannoon kun mata duree, Xiinxala Qabiyyee Sirba Heellee: Oromoo Harargee 
bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa qaacceessuurratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon 
qorannoo kanaa afoolli sirba heellee kan hawaasni afaaniin dhalootarraa dhalootatti 
waliif dabarsaa dhufe kun dhawaata teeknooloojiin guddachaachaa deemuun 
dubartoonni xixiqqaan aadaa qulqulluu ganamaa guddisuu caalaa, aadaa bahar 
gamaatiin walitti makanii fayyadamuurraa kan hafe afoola hawaasaa isa sirriitti 
gargaaramuurratti laaffinaafi hanqinni ni mul’ata yaada jedhu kan ibsuudha. 
Kanumarraa ka’uun qoratichi; wanti afaan qofaan jiru irraanfatamuu waan danda’uuf 
jecha afoolli kun barreeffatti jijjiiramee namoonni dubbisanii akka waa irraa hubatan 
gochuudha. Kana malees namoota qorannoo kanaan walfakkaaturratti qorannoo 
gaggeessuu barbaadaniif akka madda ragaatti ni fayyada. Malli qorataan qorannoo 
kanaaf itti gargaarame mala akkamtaa yoo ta’u, Kunis, qorannichi qorannaa 
qulqullinaatti dhimma bahee jira. Ragalee fi odeeffannoon adeemsa qorannoo 
qulqulinaatiin funaannamanii qindaa’an, xiinxalamanii dhiyeessuuf, ragaaleen walitti 
qabaman bifa qorannicha ibsuu danda’aniin qoqqoodamanii ibsamanii jiru. Iddattoonni 
qorannichaas mala akkayyoofi darbaa dabarsaatiin kan filatamaniidha. Maddi ragaalee 
qorannaa kanaas kallattumaan haawwan keessaa, namoota sirba heellee ni beekan 
jedhaman filachuun odeef-kennitoota filataman kanaaf: gaaffiilee afgaaffii fi marii garee 
waliin taasisuun qorannaan kun gaggeeffamee jira. Akkasuma, hojii ijoo qorannichaa 
kan ta’e, qaaccessi sirba heellee, kaayyoowwan gooree qorannichaa faana bu’uun kan 
qaacceffamaniidha. Afoolli sirba heellee hanga har’aatti afaanuma qofaan dhalootaa 
dhalootaatti dabraa kan dhufe ta’us, haawwanii fi shamarran xixiqqaa biratti garaa 
gaummaan faaruufi sochii isaa kan mullatuudha.Kunis shamarran xixiqqaa biratti 
afoolli kun darbee darbee sochii fi faaruun isaa aadaa bahar-gamaatiin walkeessa 
makuun kan sirbamaa jiruudha. Garuu, yeroo ammaa sirba heellee kana haawwan irraa 
baratanii aadaa sirrii irraa dhaalanii sirbuu irratti shamarran xixiqqaa biratti laaffinni 
waan mul’atuuf, kun sadarkaa isaa gad buusaa jira. Kanaafuu, qaamni dhimmi ilaallatu, 
keessaafuu, namoota qorannoo hojjattanii fi kitaaba barreessuuf fedhii qabdan 
akkasumas, waajjirri aadaafi turiizimii barsiisota afaanii dabalatee afoola kanarratti 
ciminaan osoo xiyyeeffannaa kennanii fi qoratanii baay’ee gaariidha.