XIINXALA QABIYYEE SIRBA HEELLEE: OROMOO HARARGEE BULCHIINSA MAGAALAA DIRREE DHAWAA QAACCESSUU

Show simple item record

dc.contributor.author Abdullaahi, Aliyyii(MSc)
dc.date.accessioned 2022-02-16T06:00:19Z
dc.date.available 2022-02-16T06:00:19Z
dc.date.issued 2021-05
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/4755
dc.description 97 en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree, Xiinxala Qabiyyee Sirba Heellee: Oromoo Harargee bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa qaacceessuurratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon qorannoo kanaa afoolli sirba heellee kan hawaasni afaaniin dhalootarraa dhalootatti waliif dabarsaa dhufe kun dhawaata teeknooloojiin guddachaachaa deemuun dubartoonni xixiqqaan aadaa qulqulluu ganamaa guddisuu caalaa, aadaa bahar gamaatiin walitti makanii fayyadamuurraa kan hafe afoola hawaasaa isa sirriitti gargaaramuurratti laaffinaafi hanqinni ni mul’ata yaada jedhu kan ibsuudha. Kanumarraa ka’uun qoratichi; wanti afaan qofaan jiru irraanfatamuu waan danda’uuf jecha afoolli kun barreeffatti jijjiiramee namoonni dubbisanii akka waa irraa hubatan gochuudha. Kana malees namoota qorannoo kanaan walfakkaaturratti qorannoo gaggeessuu barbaadaniif akka madda ragaatti ni fayyada. Malli qorataan qorannoo kanaaf itti gargaarame mala akkamtaa yoo ta’u, Kunis, qorannichi qorannaa qulqullinaatti dhimma bahee jira. Ragalee fi odeeffannoon adeemsa qorannoo qulqulinaatiin funaannamanii qindaa’an, xiinxalamanii dhiyeessuuf, ragaaleen walitti qabaman bifa qorannicha ibsuu danda’aniin qoqqoodamanii ibsamanii jiru. Iddattoonni qorannichaas mala akkayyoofi darbaa dabarsaatiin kan filatamaniidha. Maddi ragaalee qorannaa kanaas kallattumaan haawwan keessaa, namoota sirba heellee ni beekan jedhaman filachuun odeef-kennitoota filataman kanaaf: gaaffiilee afgaaffii fi marii garee waliin taasisuun qorannaan kun gaggeeffamee jira. Akkasuma, hojii ijoo qorannichaa kan ta’e, qaaccessi sirba heellee, kaayyoowwan gooree qorannichaa faana bu’uun kan qaacceffamaniidha. Afoolli sirba heellee hanga har’aatti afaanuma qofaan dhalootaa dhalootaatti dabraa kan dhufe ta’us, haawwanii fi shamarran xixiqqaa biratti garaa gaummaan faaruufi sochii isaa kan mullatuudha.Kunis shamarran xixiqqaa biratti afoolli kun darbee darbee sochii fi faaruun isaa aadaa bahar-gamaatiin walkeessa makuun kan sirbamaa jiruudha. Garuu, yeroo ammaa sirba heellee kana haawwan irraa baratanii aadaa sirrii irraa dhaalanii sirbuu irratti shamarran xixiqqaa biratti laaffinni waan mul’atuuf, kun sadarkaa isaa gad buusaa jira. Kanaafuu, qaamni dhimmi ilaallatu, keessaafuu, namoota qorannoo hojjattanii fi kitaaba barreessuuf fedhii qabdan akkasumas, waajjirri aadaafi turiizimii barsiisota afaanii dabalatee afoola kanarratti ciminaan osoo xiyyeeffannaa kennanii fi qoratanii baay’ee gaariidha. en_US
dc.description.sponsorship HARAMAYA UNIVERSITY en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title XIINXALA QABIYYEE SIRBA HEELLEE: OROMOO HARARGEE BULCHIINSA MAGAALAA DIRREE DHAWAA QAACCESSUU en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account