XIINXALA ERGAAFI QABIYYEE HEELLAMAA OROMOO HARARGEE BULCHIINSA MAGAALAA DIRRE DHAWAATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Sa’id, Awwal(MA)
dc.contributor.author Amaan, Jeeylaan(PhD)
dc.contributor.author Abdoo, Muhaammad(Piroof)
dc.date.accessioned 2022-02-16T06:32:47Z
dc.date.available 2022-02-16T06:32:47Z
dc.date.issued 2021-05
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/4760
dc.description 94 en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun Xiinxala Ergaafi Qabiyyee Sirba Heellamaa Oromoo Harargee Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaa Araddoota Filaman keessatti argamu qaacceessuu irratti kan xiyyeefatuudha. Kaayyoon inni guddaan qorannoo kanaa Ogafaan qabeenya hawaasaa kan afaaniin dhalootaa dhalootatti darbaa dhufe kun lakkuma teeknooloojiin babal’achaa deemuun dargaggoonni meeshaalee ammayyaatti fayyadamuu malee afoolatti gargaaramuu waan dhiisaniif yaada jedhu kan ibsuudha. Kanuma bu’uura godhachuudhaan qoratichi wanti ogafaaniin jiru dagatamuu waan danda’uuf namoonni kan barreeffamaan jiru dubbisanii irraa akka hubatan barreessuudhaan itti agarsiisuudha. Kana malees, namoota mata-duree walfakkaatuirratti qorannoo hojjachuu barbaadaniif akka wabiitti tajaajila. Malli qorataan qorannoo kanaaf itti fayyadame mala akkamtaa yoo ta’u, maddi ragaalee dargaggootaafi manguddoota miseensota gaaddisa caayaa kan araddoota kanneen keessa jiraataniidha. Iddatteessuun qorannichaa iddatteessuu mit-carraa keessaa iddatteessuu darbaa dabarsaa yoo ta’u, meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaaname afgaaffii daangeffame, daawwannaafi afgaaffii marii gareetiif dhiheessuurratti xiyyeeffachuun odeeffannoon qixa sirrii ta’een funaanamee jira. Af-gaaffiifi mariin garee kun dargaggootaafi manguddoota araddoota filaman keessa jiraataniif kan dhihaatuudha.Ragaaleen malleen Kanaan funaanaman qoqqoodamuun mala ibsaatiin/ descriptive method/ fayyadamuudhaan qaacceeffamuun ibsi itti kennamee jira.Kana malees, faayidaalee afwalaloon sirba heellamaa misirroota booharsuurra dabree hirmaattoota garee hawaasaa sanaaf bu’aan inni qabu kanneen akka qeequu, aadaa barsiisuu, heera mana cidhaa walirraa barachuu, hawaasummaa cimsuu, amala namootaa too’achuufi eenyummaa isaanii barsiisuuf gahee ol-aanaa qaba. Argannoon argame immoo af-walaloon sirba heellamaa kun jiruufi jireenya ummatichaa akka daawwitiitti calaqqisiisu, heera mana awaataa barsiisu, maalummaafi eenyummaa isaanii ifatti baasuun beeksisuu, wal booharsaa ergaa dabarfachuu, dhaloota hegeree kallattii itti agarsiisuuf kan gargaaru qabeenya ummata Oromooti. Gabaabumatti af-walaloon sirba heellamaa kun akka hin dagatamne barreeffamaan hambaa godhanii kaa’uudha. en_US
dc.description.sponsorship HARAMAYA UNIVERSITY en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title XIINXALA ERGAAFI QABIYYEE HEELLAMAA OROMOO HARARGEE BULCHIINSA MAGAALAA DIRRE DHAWAATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account