Abstract:
Qorannoon kun kan geggeeffame Shaakalawwaniifi Danqaawwan Modela Guddina Ogummaa 
Ofii Qajeelfatanii Barsiisota Afaan Oromoo Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Haramaayaa 
xiinxaluun hojiirra oolmaa modela kanaa ilaaluufi dha. Qorannoo kana geggeessuu keessatti, malli 
akkamtaa hojiirra kan oole yoo ta‟u keessaayyuu tarsiimoo fenoomenoolojii jedhamutti dhimma 
bahameera. Hirmaattonni qorannoo kanaas barsiisota Afaan Oromoo shaniifi hoggantoota afur 
Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Haramaayaarraa mala iddatteessuu mit-carraa, keessaayyuu 
iddatteessuu dhimmataatti fayyadamuun filatamanidha. Malleen ragaalee funaanuuf hojiirra 
oolanis Af-gaaffii fi Marii Garee Xiyyeeffataa yoo ta‟an, ragaaleen argaman kunneenis mala 
xiinxala akkamtaa keessaa mala gareessuutiin/tuutessuutiinfi tarsiimoowwan akkamtaa 
keessaammoo fenoomenooloojii kan jedhamuun xiinxalamaniiru. Argannoowwan qorannichaa 
kan agarsiisan dhimmamni guddina ogummaa barsiisummaa ofii qajeelfatan irratti jiru cimaa yoo 
ta‟eyyuu hubannoon jiru garuu gadaanaadha. Dabalatanis, shaakalliwwan barsiisnni Afaan 
Oromoo taasisan muraasa yoo ta‟an, isaanumtuu danqaalee madda garaa garaa irraa dhufaniin kan 
hudhaman ta‟uu isaaniiti. Karaa biraas, deeggarsiifi hordoffiin hoggantoota mana barumsichaarraa 
taasifamu gadaanaa ta‟uu isaati. Walumaa galatti, kan guduunfuun danda‟amu haalli guddinni 
ogummaa barsiisummaa ofii qajeelfatanii mana barumsichaa keessa jiru laafaa akka ta‟edha. Akka 
yaboowwaniitti, barsiisonni kutattummaan hirmaachuu, barattoonnis fedhiif hamileen hordofuu, 
hogganttoonnis si‟aayinaan deeggarsaaf hordoffii taasisuu, mootummaanis jireenya barsiisaa 
fooyyeessuu irratti hojjechuu akka qabanidha.