SHAAKALAWWANIIFI DANQAALEE GUDDINA OGUMMAA OFII QAJEELFATANII BARSIISOTA AFAAN OROMOO, MANA BARUMSAA SADARKAA LAMMAFFAA HARAMAAYAA, OROMIYAA, ITIYOOPHIYAA

Show simple item record

dc.contributor.author Laggasaa, Birtukaan(MA)
dc.contributor.author Bayyanaa, Imaanaa (PhD)
dc.contributor.author Abdoo, Mohaammad(Gargaaraa Piroofeesara)
dc.date.accessioned 2022-02-16T07:54:04Z
dc.date.available 2022-02-16T07:54:04Z
dc.date.issued 2020-08
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/4765
dc.description 73 en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun kan geggeeffame Shaakalawwaniifi Danqaawwan Modela Guddina Ogummaa Ofii Qajeelfatanii Barsiisota Afaan Oromoo Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Haramaayaa xiinxaluun hojiirra oolmaa modela kanaa ilaaluufi dha. Qorannoo kana geggeessuu keessatti, malli akkamtaa hojiirra kan oole yoo ta‟u keessaayyuu tarsiimoo fenoomenoolojii jedhamutti dhimma bahameera. Hirmaattonni qorannoo kanaas barsiisota Afaan Oromoo shaniifi hoggantoota afur Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Haramaayaarraa mala iddatteessuu mit-carraa, keessaayyuu iddatteessuu dhimmataatti fayyadamuun filatamanidha. Malleen ragaalee funaanuuf hojiirra oolanis Af-gaaffii fi Marii Garee Xiyyeeffataa yoo ta‟an, ragaaleen argaman kunneenis mala xiinxala akkamtaa keessaa mala gareessuutiin/tuutessuutiinfi tarsiimoowwan akkamtaa keessaammoo fenoomenooloojii kan jedhamuun xiinxalamaniiru. Argannoowwan qorannichaa kan agarsiisan dhimmamni guddina ogummaa barsiisummaa ofii qajeelfatan irratti jiru cimaa yoo ta‟eyyuu hubannoon jiru garuu gadaanaadha. Dabalatanis, shaakalliwwan barsiisnni Afaan Oromoo taasisan muraasa yoo ta‟an, isaanumtuu danqaalee madda garaa garaa irraa dhufaniin kan hudhaman ta‟uu isaaniiti. Karaa biraas, deeggarsiifi hordoffiin hoggantoota mana barumsichaarraa taasifamu gadaanaa ta‟uu isaati. Walumaa galatti, kan guduunfuun danda‟amu haalli guddinni ogummaa barsiisummaa ofii qajeelfatanii mana barumsichaa keessa jiru laafaa akka ta‟edha. Akka yaboowwaniitti, barsiisonni kutattummaan hirmaachuu, barattoonnis fedhiif hamileen hordofuu, hogganttoonnis si‟aayinaan deeggarsaaf hordoffii taasisuu, mootummaanis jireenya barsiisaa fooyyeessuu irratti hojjechuu akka qabanidha. en_US
dc.description.sponsorship HARAMAYA UNIVERSITY en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title SHAAKALAWWANIIFI DANQAALEE GUDDINA OGUMMAA OFII QAJEELFATANII BARSIISOTA AFAAN OROMOO, MANA BARUMSAA SADARKAA LAMMAFFAA HARAMAAYAA, OROMIYAA, ITIYOOPHIYAA en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account