Abstract:
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa iiti fayyadama malleen dubbii asoosama ‘Imaanaa Imaltuu’ 
yeroo dhiyootti bara 2018 maxanfamee dubbisaa bira gahe qaacessuudha. Itti fayyadama dubbii 
qolaa ilaalchisee qorannoowwan gaggeeffaman muraasa waan ta’aniif qorannoo kun 
beekkumsa oguma Oromoo bal’isuu irratti odeeffannoo namaa kenna. Malli qorannoo akkamtaa 
qorannoo kana gaggeessuu keessatti kan dhimma bahame yoo ta’u iddattoon akkayyoo akka 
iddatteessuu tuuta ragaalee filuutti itti dhimma bahameera. Maddi ragaa qorannoo kanaa 
sakkatta’a galmee yoo ta’u; kitaabni filatame gosaalee dubbisaa kanneen akka dubbisa 
gadifageenyaa, dubbisa sakatta’aa, dubbisa qeeqaa fi dubbisa hubannootti gargaarmuuun
qabiyee fi ruqoota asoosama.kitaaba kanaa hubachuun dubbiiwwan qolaa asoosamicha 
keessatti xiinxalli taasifameera. Haaluma kanaan gosoonni malleen dubbii asoosama ‘Imaanaa 
Imaltuu’ keessatti argamanis nameessuu, akkasaa, mitihee, iddeessuu, arbeessuu fi fakkoo dha. 
Malleen dubbii kunneenis dhimmoota adda addaa siyaasaa, aadaa, diinagdee, amantii, seenaa 
duudhaa fi safuu hawaasaa ibsuuf kan oolaniifi haalawwan kunneen keessatti kalaqa addaa 
agarsiisuuf kan bareessaan manaabaa isaatiin uumeedha. Xiinxalliin taasifames akka 
agarsiisutti dhimmootni malleen dubbii waliin wal-qabatan malleen dubbii asoosama keessatti 
xiiyyeeffannoo kennuuf, taateewwan haala adda ta’een akka mul’atan gochuu fi, jireenya 
taatotaa dhugoomina akka qabaatan gochuu keessatti iddoo olaanaa qabu. Kana malees dubi 
qolaa dandeettii kalaqaa cimsuuf barbaachisaa akka ta’an argannoon qorannoo kanaan adda 
baheera. Sababoota kuneeniif dubi qolaa aadaafi seenaa uummata tokkoo dabarsuu keessatti 
shoora olaanaa waan qabaniif kunuunsuun dhalootaaf dabarsuun barbaachisaadha