QAACCESSA DUBBII QOLAA ASOOSAMA IMAANAA IMALTUU KEESSATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Tasammaa Bayyanaa, Maqoyyaa
dc.date.accessioned 2023-03-01T09:20:12Z
dc.date.available 2023-03-01T09:20:12Z
dc.date.issued 2022
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/5057
dc.description 63 en_US
dc.description.abstract Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa iiti fayyadama malleen dubbii asoosama ‘Imaanaa Imaltuu’ yeroo dhiyootti bara 2018 maxanfamee dubbisaa bira gahe qaacessuudha. Itti fayyadama dubbii qolaa ilaalchisee qorannoowwan gaggeeffaman muraasa waan ta’aniif qorannoo kun beekkumsa oguma Oromoo bal’isuu irratti odeeffannoo namaa kenna. Malli qorannoo akkamtaa qorannoo kana gaggeessuu keessatti kan dhimma bahame yoo ta’u iddattoon akkayyoo akka iddatteessuu tuuta ragaalee filuutti itti dhimma bahameera. Maddi ragaa qorannoo kanaa sakkatta’a galmee yoo ta’u; kitaabni filatame gosaalee dubbisaa kanneen akka dubbisa gadifageenyaa, dubbisa sakatta’aa, dubbisa qeeqaa fi dubbisa hubannootti gargaarmuuun qabiyee fi ruqoota asoosama.kitaaba kanaa hubachuun dubbiiwwan qolaa asoosamicha keessatti xiinxalli taasifameera. Haaluma kanaan gosoonni malleen dubbii asoosama ‘Imaanaa Imaltuu’ keessatti argamanis nameessuu, akkasaa, mitihee, iddeessuu, arbeessuu fi fakkoo dha. Malleen dubbii kunneenis dhimmoota adda addaa siyaasaa, aadaa, diinagdee, amantii, seenaa duudhaa fi safuu hawaasaa ibsuuf kan oolaniifi haalawwan kunneen keessatti kalaqa addaa agarsiisuuf kan bareessaan manaabaa isaatiin uumeedha. Xiinxalliin taasifames akka agarsiisutti dhimmootni malleen dubbii waliin wal-qabatan malleen dubbii asoosama keessatti xiiyyeeffannoo kennuuf, taateewwan haala adda ta’een akka mul’atan gochuu fi, jireenya taatotaa dhugoomina akka qabaatan gochuu keessatti iddoo olaanaa qabu. Kana malees dubi qolaa dandeettii kalaqaa cimsuuf barbaachisaa akka ta’an argannoon qorannoo kanaan adda baheera. Sababoota kuneeniif dubi qolaa aadaafi seenaa uummata tokkoo dabarsuu keessatti shoora olaanaa waan qabaniif kunuunsuun dhalootaaf dabarsuun barbaachisaadha en_US
dc.description.sponsorship Yuunivarsiitii Haramaayaa en_US
dc.language.iso other en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Haramaayaa en_US
dc.title QAACCESSA DUBBII QOLAA ASOOSAMA IMAANAA IMALTUU KEESSATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account