Abstract:
Mata dureen qorannoo kanaa Itti Fayyadama Afaanii Sirna Araaraa Koottu Dhufee
Oromoo Arsii Aanaa Gadab Hasaasaa xiinxaluu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon gooroo
qorannoo kanaa sirna araaraa koottu dhufee jedhu keessatti itti fayyadama afaanii kallattii
ogumaatiin sirna sana keessatti argamu xiinxaluudha. Ka’umsi qorannoo kanaa
fayyadamni afaanii sirnicha keessatti argamu kan ofitti nama booji’u/harkisu ta’uu
ilaaluufi xiinxaluufiidha. Ragaan qorannichaa mala daawwannaa, af-gaafiifi marii garee
xiyyeeffannootiin manguddoota iddattoo qorannichaa keessaa filataman irraa funaaname.
Ragaaleen funaanaman kunneenis mala akkamtaatiin xiinxalamanii jiru. Iddattoon
qorannoo kanaa jaarsota biyyaa kan dandeettiifi gahumsa olaanaa dubbii koottu dhufee
irratti qaban, kan aanicha keessa jiraatan, kan baay’inaan (16) ta’aniidha. Fayyadamni
afaanii jaarsonni sirnicha sana keessatti gargaaraman kunis kan ofitti nama hawatuudha.
Kanumarraa ka’uudhaan, itti fayyadamni afaanii manguddoonni irra deddeebi’uudhaan
gargaaraman uunka af-walaloo wajjiin walfakkaachuun isaa, ammas fayyadamni afaanii
manguddoonni itti dhimma bahan aadaafi safuu hawaasichaa kan kabachiisan ta’uu kan
jedhu argannoo qorannichaati. Itti aansuun, itti fayyadama afaanii sirna kana keessatti
argamu kanaaf xiyyeeffannoon guddaan kennameef dhimmoota biroo kan osoo
hinqoratamin hafan fakkeenyaaf, waa’ee suuressuu, waa’ee haaldubbii itti fayyadama
afaanii sana keessa jiru fa’a irratti qorattoonni biroo qorannoo gadfagoo ta’e osoo
gaggeessanii, ammas dabalataan fayyadamni afaanii kunneen jiruufi jireenya keessatti
waan nama gargaaraniif namoonni sirnicha irratti hirmaatan osoo xiyyeeffannoo itti
kennanii kan jedhu yaada furmaataa qoratichaati