| dc.contributor.author | Kadiir Waaqoo, Abdiisaa | |
| dc.contributor.author | Abdoofi, Pirofeesaraa Muhaammad | |
| dc.contributor.author | Baldaa, Pirofeesaraa Fiqaaduu | |
| dc.date.accessioned | 2023-03-01T12:45:58Z | |
| dc.date.available | 2023-03-01T12:45:58Z | |
| dc.date.issued | 2022-05 | |
| dc.identifier.uri | http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/5075 | |
| dc.description | 99p. | en_US |
| dc.description.abstract | Mata dureen qorannoo kanaa Itti Fayyadama Afaanii Sirna Araaraa Koottu Dhufee Oromoo Arsii Aanaa Gadab Hasaasaa xiinxaluu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa sirna araaraa koottu dhufee jedhu keessatti itti fayyadama afaanii kallattii ogumaatiin sirna sana keessatti argamu xiinxaluudha. Ka’umsi qorannoo kanaa fayyadamni afaanii sirnicha keessatti argamu kan ofitti nama booji’u/harkisu ta’uu ilaaluufi xiinxaluufiidha. Ragaan qorannichaa mala daawwannaa, af-gaafiifi marii garee xiyyeeffannootiin manguddoota iddattoo qorannichaa keessaa filataman irraa funaaname. Ragaaleen funaanaman kunneenis mala akkamtaatiin xiinxalamanii jiru. Iddattoon qorannoo kanaa jaarsota biyyaa kan dandeettiifi gahumsa olaanaa dubbii koottu dhufee irratti qaban, kan aanicha keessa jiraatan, kan baay’inaan (16) ta’aniidha. Fayyadamni afaanii jaarsonni sirnicha sana keessatti gargaaraman kunis kan ofitti nama hawatuudha. Kanumarraa ka’uudhaan, itti fayyadamni afaanii manguddoonni irra deddeebi’uudhaan gargaaraman uunka af-walaloo wajjiin walfakkaachuun isaa, ammas fayyadamni afaanii manguddoonni itti dhimma bahan aadaafi safuu hawaasichaa kan kabachiisan ta’uu kan jedhu argannoo qorannichaati. Itti aansuun, itti fayyadama afaanii sirna kana keessatti argamu kanaaf xiyyeeffannoon guddaan kennameef dhimmoota biroo kan osoo hinqoratamin hafan fakkeenyaaf, waa’ee suuressuu, waa’ee haaldubbii itti fayyadama afaanii sana keessa jiru fa’a irratti qorattoonni biroo qorannoo gadfagoo ta’e osoo gaggeessanii, ammas dabalataan fayyadamni afaanii kunneen jiruufi jireenya keessatti waan nama gargaaraniif namoonni sirnicha irratti hirmaatan osoo xiyyeeffannoo itti kennanii kan jedhu yaada furmaataa qoratichaati | en_US |
| dc.description.sponsorship | Haramaya University | en_US |
| dc.language.iso | en | en_US |
| dc.publisher | Haramaya University | en_US |
| dc.title | XIINXALA ITTI FAYYADAMA AFAANII SIRNA ARAARAA KOOTTU DHUFEE OROMOO ARSII AANAA GADAB HASAASAA | en_US |
| dc.type | Thesis | en_US |