Abstract:
Qorannoon kun mata-duree Qaaccessa jechoota ammayyaa afaan oromoo: guddina afaanichaa
keessatti ciminaafi hanqina isaanii, irratti xiyyeeffatee kan qaacceffamedha. Kaayyoon
qorannoo kanaa inni guddaan jechoonni siyaasaa Afaan Oromoo keessatti tajaajila kennaa jiran
galumsa siyaasa bara 1991 hanga ammaa keessatti hawaasa biratti haala kamiin akka
ilaalamaniifi maddi hanqinaafi ciminoota jechoota siyaasaa maal akka ta’e, adda baasuun
gadifageenyaan xiinxaluudha. Gosa qorannoo qorataan itti gargaarame akkamtaa yoo ta’u,
maddi ragaa itti dhimmaa bahe immoo, madda raga tokkoffaafi lammaffaati. Iddattoon
qorannoo kanaa geggeessuuf qorataan itti gargaarame iddateessuu miti carraadha. Akkusumas
meeshaanleen funaansa raga qorannicha milkeessuu itti gargaarame af-gaaffiifi sakatta’a
harshammeetti dhimma bahe. Karaabiraatiin, malli qaaccessa qorannoo kanaa mala qorannoo
akkamtaa yoo ta’u, ragaalee af-gaaffii fi sakatta’a harshammeen argaman akkaataa qabiyyeefi
tajaajila isaanitiin qoqqooduun gadifageenyaan ibsame. Odeeffannoowwan karaa af-gaaffiifi
sakatta’a galmeen argaman jechoonni kun tajaajilafi amala isaaniin hawaasa biratti haala
kamiin akka ilaalaman qaaccesse. Jechoonni siyaasaa dirreewwan hojii kan biro keessatti
yookiin galumsa siyaasan alatti haala kamii akka ilaalaman adda baasuun xiinxale. Bu’aan
qorannoo kanaa jechoonni siyaasaa haawaasa oromoo biratti ija kamiin ilaalamu kan jedhuufi
rakkowwaan sababii fedhii siyaasa sanaan walqabatee miidhaan jechoota kana irraa gahu
guddina guddina afaanichaa irratti maal akka fakkaatu qaaccessa. Jechoonni siyaasaa haala
uumama isaaniin akkataa garaagaraan kan uumaman ta’uufi dirree hojii sanaan alatti hiika
dogoggooraaf saaxilamu adda baase jira. Akkasumas, hanqinniifi ciminni jechoota siyaasaa
maal irra akka ta’ee sababa isaa waaliin ka’a. Walumaagalatti jechoonni siyaasaa galumsa
siyaasa yeroo sanaa keessatti maal akka ta’an hanqinafi ciminoota isaanii kaasuun gahee isaan
guddina Afaan Oromoo keessatti qaban haala kamiin akka ilaalamu irrattiadeemsifame