QAACCESSA JECHOOTA AMMAYYAA AFAAN OROMOO: GUDDINA AFAANICHAA KEESSATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Takkaallinyi Abashantee, Guddataa
dc.date.accessioned 2023-03-03T08:20:09Z
dc.date.available 2023-03-03T08:20:09Z
dc.date.issued 2019-08
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/5112
dc.description 84 en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun mata-duree Qaaccessa jechoota ammayyaa afaan oromoo: guddina afaanichaa keessatti ciminaafi hanqina isaanii, irratti xiyyeeffatee kan qaacceffamedha. Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan jechoonni siyaasaa Afaan Oromoo keessatti tajaajila kennaa jiran galumsa siyaasa bara 1991 hanga ammaa keessatti hawaasa biratti haala kamiin akka ilaalamaniifi maddi hanqinaafi ciminoota jechoota siyaasaa maal akka ta’e, adda baasuun gadifageenyaan xiinxaluudha. Gosa qorannoo qorataan itti gargaarame akkamtaa yoo ta’u, maddi ragaa itti dhimmaa bahe immoo, madda raga tokkoffaafi lammaffaati. Iddattoon qorannoo kanaa geggeessuuf qorataan itti gargaarame iddateessuu miti carraadha. Akkusumas meeshaanleen funaansa raga qorannicha milkeessuu itti gargaarame af-gaaffiifi sakatta’a harshammeetti dhimma bahe. Karaabiraatiin, malli qaaccessa qorannoo kanaa mala qorannoo akkamtaa yoo ta’u, ragaalee af-gaaffii fi sakatta’a harshammeen argaman akkaataa qabiyyeefi tajaajila isaanitiin qoqqooduun gadifageenyaan ibsame. Odeeffannoowwan karaa af-gaaffiifi sakatta’a galmeen argaman jechoonni kun tajaajilafi amala isaaniin hawaasa biratti haala kamiin akka ilaalaman qaaccesse. Jechoonni siyaasaa dirreewwan hojii kan biro keessatti yookiin galumsa siyaasan alatti haala kamii akka ilaalaman adda baasuun xiinxale. Bu’aan qorannoo kanaa jechoonni siyaasaa haawaasa oromoo biratti ija kamiin ilaalamu kan jedhuufi rakkowwaan sababii fedhii siyaasa sanaan walqabatee miidhaan jechoota kana irraa gahu guddina guddina afaanichaa irratti maal akka fakkaatu qaaccessa. Jechoonni siyaasaa haala uumama isaaniin akkataa garaagaraan kan uumaman ta’uufi dirree hojii sanaan alatti hiika dogoggooraaf saaxilamu adda baase jira. Akkasumas, hanqinniifi ciminni jechoota siyaasaa maal irra akka ta’ee sababa isaa waaliin ka’a. Walumaagalatti jechoonni siyaasaa galumsa siyaasa yeroo sanaa keessatti maal akka ta’an hanqinafi ciminoota isaanii kaasuun gahee isaan guddina Afaan Oromoo keessatti qaban haala kamiin akka ilaalamu irrattiadeemsifame en_US
dc.description.sponsorship Yuunivarsiitii Haramaayaa, en_US
dc.language.iso other en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Haramaayaa en_US
dc.title QAACCESSA JECHOOTA AMMAYYAA AFAAN OROMOO: GUDDINA AFAANICHAA KEESSATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account