XIINXALAQABIYYEEWWAN AFWALALOO DIKKOO DUBARTOOTA OROMOOHARARGEEAANAA GURAWAA

Show simple item record

dc.contributor.author Usmaan Muussaa, Mohammad-kamaal
dc.date.accessioned 2023-03-03T08:25:50Z
dc.date.available 2023-03-03T08:25:50Z
dc.date.issued 2021-12
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/5113
dc.description 107 en_US
dc.description.abstract Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa qabiyyeewwan afwalaloo dikkoo Godina Harargee Bahaa Aanaa Gurawaa xiinxaluudha.Qorannoon kun kan barbaachiseef dhaloonni har’a waa’ee afwalaloo dikkoo hin beekne hojii qorannoo kanaan muuxannoo dikkoo irraa argataniin jiruufi jireenya isaanii keessatti akka itti gargaaramaniidha.Saxaxni qorannoo kanaa saxaxaqorannoo akkamtaati.Sababni isaas qorannoon kun mal lakkoofsaan alaa yookiin jechaan ibsuuti waan ta’eefi. Maddi ragaalee qorannoo kanaa irra caalmaan madda ragaa tokkoffaati. Maddi ragaa lammaffaas hangi tokko hammatameera. Iddattoon qorannoo kanaa immoo manguddoota dubartootaa kanneen muuxannoo afwalaloo dikkoo qabaniidha. Malleen iddatteessuu qorannoo kana keessatti itti dhimma bahame akaakuu mala iddatteessuu miti-carraaa ta’ee isaan keessaa malleen iddatteessuu akkayyoofi darbaadabarsaati. Sababni akkayyoon filatameef manguddoota ragaa qorannoo kanaaf barbaachisu irraa argatu qorataan dursee waan beekuuf mala akkayyoo kana gargaaramuun iddattoo qorannichaa taasifateera; darbaadabarsaa filatameef immoo namoota afwalaloo dikkoo irratti beekumsa qaban garaa namoota birootiin argate iddattoo taasisuuf kan gargaarameedha. Malleen funaansa ragaalee qorannichaaiaf-gaaffii, marii garee xiyyeeffannaafi daawwannaadha.Malleen kunneen qorannoo akkamtaa keessatti malleen filatamoo ragaalee qorannoo funaanuuf gargaaraniidh. Akkasumaas mala qaaccessa ragaalee qoraanaa mala qaaccessa akkamtaaa keessaa mala qaaccessa qabiyyeeti.Ragaalee malleen funaansa ragaaleetiin funaanaman irratti hundaa’uun qaaccessa taasifameen qabiyyeewwan afwalaloo ijoo ta’an: balaaleffannaa gowwaa, jaalala hiriyaa, ibsa hariiroo hawaasummaa, gorsa, arrabsoo, daa’ima faarsuu, ibsa waliin jireenyaa, ibsa miira ofii…kkf ta’uu ibsameera. Gama biraatiin afwalaloon dikkoo hawaas-diinagdee dubartootaa keessatti faayidaa olaanaa qabaachuu ishee xiinxalameera. Gama biraatiin afwalaloo dikkoo irratti yeroo ammaa wantoonni dhiibbaa uumaa jiran maal fa’a akka ta’e eerameera.Akkasumaas afwalaloo dikkootti dubartoonni gargaaramaa jiraachuu dhabuun hubatameera. Kanaafuu. Aadaafi duudhaa dubartootaa kan ta’e afwalaloon dikkoo hirraanfatamaa waan jiruuf akka hin dagatamne gochuuf xiyyeeffannoo barbaachisa.Kunis dhalootni har’aa barbaachisummaa dikkoo hubatanii xiyyeeffannaa kennuuf qabu. Akkasumaas namoonni quuqama aadaafi duudhaa hawaasaa qaban wantoota afwalaloo dikkoo irratti dhiibbaa eesisaa jiran dura dhaabbachuun afwalaloon dikkoo deebi’aa haala itti tajaajiluu malu fala kaa’uu qabu. Gama birootiin biroon aadaafi turizimii sadarkaa adda addaatti hundeeffamanii jiran afwalaloo dikkoo irratti xiyyeeffatanii kan hojjetan yoo ta’e dikkoon akka hin dagatamne gochuuf furmaata ta’a. Akkasumaas, dhiibbaalee gama amantiifi ammayummaatiin afwalaloo dikkoo irra gahaa jiru hambisuuf hubannoo kennuu keessatti qoodni biiroon aadaafi turizimii qabu murteessaadha. Dabalataanis afwalaloon dikkoo dagatamee akka hin hafne gochuuf qaamni dhimmi kun ilaalu marti dikkoo irratti hojjechuu qaba en_US
dc.description.sponsorship Yuunivarsiitii Haramaayaa en_US
dc.language.iso other en_US
dc.publisher Yuunivarsitii Haramaayaa, en_US
dc.title XIINXALAQABIYYEEWWAN AFWALALOO DIKKOO DUBARTOOTA OROMOOHARARGEEAANAA GURAWAA en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account