Abstract:
Qorannoo kana kan irratti hojjadhe “Xiinxala Nyaata Aadaa: Oromoo Arsii Aanaa Qoree
Irratti Xiyyeeffatuun” kan jedhuudha. Mata duree kana akka filadhuuf kan nakakaase,
hubannoo anqabuun hawaasa kana keessatti yeroo ammaa nyaatni aadaa micciirraafi
marqaan wantootni irraa qophaa’an hanqinna qabu. Xabboofi qulqullinni isaanii
akkaataa barbaachisuun eegamuu irratti qaawwatu jira. Adeemsi qophii isaaniitillee
tartiiba barbaachisu eegaa hinjiru. Kaayyoon qorannoo kanaatis qophii nyaata aadaa
micciirraafi marqaa haala qabatama Oromoo Arsii Aanaa Qoreetiin xiinxaluudha.
Barbaachisummaan qorannoo kanaa, itti fayyadamni hawaasichaa akka dabaluufi
akkaataa xabboon nyaata kanneenii ittiin eegamu ibsuudha. Barruuleen mata duree
kanaan walqabataniifi yaaxxinnaaleen qorannoo kana deeggaranis sakatta’amanii jiru.
Saxaxni qorannoo kanaa mala akkamtaa (qulqulleeffataa) ibsaa yoo ta’u, malleen
iddatteessu akkaayyoofi darbaa-dabarsaa (iyyaafannoo) fayyadamee jira. Malleen
funaansa ragaalee hojirra oolan afgaaffii, hubdaawwannaa, marii gareefi harshammee
qaaccessuudha. Ragaalee funaanuudhaaf waraabbii suursagalee, suuraa kaasuufi
yaadannoo qabachuutiin kan raawwatame yoo ta’u, kunis maddoota ragaa tokkoffaa fi
lammaffaa irraati. Ragaaleen kunneenis, mala akkamtaatiin qaacceffamanii ibsamaniiru.
Akka cuunfaa argannoo qorannoo kanaatti nyaatni aadaa Oromoo Arsii micciirraafi
marqaan midhaan hawaasa kana keessatti argaman irraa kan tolfamaniifi dhimmoota
addaatiif akka tolfaman adda baafameera. Tartiiba ittiin qophaa’an kan qabaniifi, kunis
qulqullina isaaniitiif gahee guddaa qaba. Micciirraan osoo hin alaa’in yeroo dheeraa kan
turuufi qabatanii imala dheeraa imaluuf kan oolu ta’uu hubatamee jira. Safuu
hordofaniifi fakkoommiis niqabu. Ayyaanotaafi sirnoota wajjiin hariiroo cimaa qabu.
Yaanni furmaataa, dhimmamtoonni aadaa kanaa, nyaatni aadaa kanneen yeroo tolfaman
xabboon isaanii akka eegamuuf, hawaasni biroo kan nyaata kana qopheeffachuu hin
beekne akka qopheeffatanii hubannaa kennuu qabu. Sirnootaafi ayyaanota hawwataafi
milkaa’aa taasisuuf gahee olaanaa qabu waan ta’eef, qaamni dhimmi ilaalu hundi itti
fayyadamni nyaata kanneenii daran akka cimuuf gahee isaanii bahuu qabu.