XIINXALA NYAATA AADAA: OROMOO ARSII AANAA QOREE IRRATTI XIYYEEFFATUUN

Show simple item record

dc.contributor.author JUNDII KADIIR XAQAQAA
dc.date.accessioned 2023-03-15T07:25:42Z
dc.date.available 2023-03-15T07:25:42Z
dc.date.issued 2015
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/5358
dc.description 85 en_US
dc.description.abstract Qorannoo kana kan irratti hojjadhe “Xiinxala Nyaata Aadaa: Oromoo Arsii Aanaa Qoree Irratti Xiyyeeffatuun” kan jedhuudha. Mata duree kana akka filadhuuf kan nakakaase, hubannoo anqabuun hawaasa kana keessatti yeroo ammaa nyaatni aadaa micciirraafi marqaan wantootni irraa qophaa’an hanqinna qabu. Xabboofi qulqullinni isaanii akkaataa barbaachisuun eegamuu irratti qaawwatu jira. Adeemsi qophii isaaniitillee tartiiba barbaachisu eegaa hinjiru. Kaayyoon qorannoo kanaatis qophii nyaata aadaa micciirraafi marqaa haala qabatama Oromoo Arsii Aanaa Qoreetiin xiinxaluudha. Barbaachisummaan qorannoo kanaa, itti fayyadamni hawaasichaa akka dabaluufi akkaataa xabboon nyaata kanneenii ittiin eegamu ibsuudha. Barruuleen mata duree kanaan walqabataniifi yaaxxinnaaleen qorannoo kana deeggaranis sakatta’amanii jiru. Saxaxni qorannoo kanaa mala akkamtaa (qulqulleeffataa) ibsaa yoo ta’u, malleen iddatteessu akkaayyoofi darbaa-dabarsaa (iyyaafannoo) fayyadamee jira. Malleen funaansa ragaalee hojirra oolan afgaaffii, hubdaawwannaa, marii gareefi harshammee qaaccessuudha. Ragaalee funaanuudhaaf waraabbii suursagalee, suuraa kaasuufi yaadannoo qabachuutiin kan raawwatame yoo ta’u, kunis maddoota ragaa tokkoffaa fi lammaffaa irraati. Ragaaleen kunneenis, mala akkamtaatiin qaacceffamanii ibsamaniiru. Akka cuunfaa argannoo qorannoo kanaatti nyaatni aadaa Oromoo Arsii micciirraafi marqaan midhaan hawaasa kana keessatti argaman irraa kan tolfamaniifi dhimmoota addaatiif akka tolfaman adda baafameera. Tartiiba ittiin qophaa’an kan qabaniifi, kunis qulqullina isaaniitiif gahee guddaa qaba. Micciirraan osoo hin alaa’in yeroo dheeraa kan turuufi qabatanii imala dheeraa imaluuf kan oolu ta’uu hubatamee jira. Safuu hordofaniifi fakkoommiis niqabu. Ayyaanotaafi sirnoota wajjiin hariiroo cimaa qabu. Yaanni furmaataa, dhimmamtoonni aadaa kanaa, nyaatni aadaa kanneen yeroo tolfaman xabboon isaanii akka eegamuuf, hawaasni biroo kan nyaata kana qopheeffachuu hin beekne akka qopheeffatanii hubannaa kennuu qabu. Sirnootaafi ayyaanota hawwataafi milkaa’aa taasisuuf gahee olaanaa qabu waan ta’eef, qaamni dhimmi ilaalu hundi itti fayyadamni nyaata kanneenii daran akka cimuuf gahee isaanii bahuu qabu. en_US
dc.description.sponsorship YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA en_US
dc.title XIINXALA NYAATA AADAA: OROMOO ARSII AANAA QOREE IRRATTI XIYYEEFFATUUN en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account