Abstract:
Qaaccessa adeemsiifi raawwiin jaarii loonii aadaa, duudhaa, seenaafi ooltee bultee gabbataa 
uummanni Oromoo Maccaa qabu keessaa tokkodha. Kaayyoon qorannoon kun barbaachiseefis 
dhiimma kana ifatti baasee hawaasa birootti mul’isuudha. Yaada kana hordofuudhaan yeroo 
ammaa Adeemsaafi Raawwii Jaarii Loonii Baasuu Oromoo Maccaa: Godina Horroo Guduruu 
aanaa Habaaboo Guduruu qorachuun beekumsa Oromoo tursiisuuf gahee olaanaa qaba . Bocni 
qorannoo kana keessatti dhimma itti bahame sanyaabsaadha. Maddi ragaalee qorannichaa 
immoo madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaati. Ragaaleen qorannichaa 
iddattoowwan tooftaalee iddatteessuu miti carraa keessaa dhimmataafi darbaa dabarsaatti 
dhimma bahameera. Meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka hub-daawwannaa miti 
qindaa’aa, af-gaaffii,marii garee xiyyeeffannaafi sakatta’a galmeewwanii dhimma bahamaniiru. 
Gama biraatiin, duudhaa, Adeemsaafi raawwiin jaarii loonii baasuu walduraa duubasaa 
eeggatee akka kabajamu, wantootni ayyaana kana kabajuuf barbaachisan maal akka ta’efi 
yoomessi isaa daangahaa ta’uu argannoo qorannichaa keessatti bira gahameera. Yaada 
furmaata qorannoo kanaa kan ta’an namoonni ayyaana kana kabajatan nageenya horiifi ofii 
waan qabaniif eenyuyyuu kabajuu akka qabu,ayyaana jaarii loonii kana kabajuu dhiisuun 
dhiibbaa hormaanni dhaabbachuu, loon nagaa dhabuu fa’a waan qabuuf kana hambisuuf 
kabajuun barbaachisaa akka ta’eefi falaasamni dhimma hawaasichaa ibsan hedduuminaan 
sirna kana keessatti mul’atan waan jiruuf osoo kabajan gaariidha.