| dc.contributor.author | GUDDATAA BUZAAYYOO AMANUU | |
| dc.date.accessioned | 2023-10-27T06:48:40Z | |
| dc.date.available | 2023-10-27T06:48:40Z | |
| dc.date.issued | 2015-02 | |
| dc.identifier.uri | http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/6523 | |
| dc.description | 107 | en_US | 
| dc.description.abstract | Qaaccessa adeemsiifi raawwiin jaarii loonii aadaa, duudhaa, seenaafi ooltee bultee gabbataa uummanni Oromoo Maccaa qabu keessaa tokkodha. Kaayyoon qorannoon kun barbaachiseefis dhiimma kana ifatti baasee hawaasa birootti mul’isuudha. Yaada kana hordofuudhaan yeroo ammaa Adeemsaafi Raawwii Jaarii Loonii Baasuu Oromoo Maccaa: Godina Horroo Guduruu aanaa Habaaboo Guduruu qorachuun beekumsa Oromoo tursiisuuf gahee olaanaa qaba . Bocni qorannoo kana keessatti dhimma itti bahame sanyaabsaadha. Maddi ragaalee qorannichaa immoo madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaati. Ragaaleen qorannichaa iddattoowwan tooftaalee iddatteessuu miti carraa keessaa dhimmataafi darbaa dabarsaatti dhimma bahameera. Meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka hub-daawwannaa miti qindaa’aa, af-gaaffii,marii garee xiyyeeffannaafi sakatta’a galmeewwanii dhimma bahamaniiru. Gama biraatiin, duudhaa, Adeemsaafi raawwiin jaarii loonii baasuu walduraa duubasaa eeggatee akka kabajamu, wantootni ayyaana kana kabajuuf barbaachisan maal akka ta’efi yoomessi isaa daangahaa ta’uu argannoo qorannichaa keessatti bira gahameera. Yaada furmaata qorannoo kanaa kan ta’an namoonni ayyaana kana kabajatan nageenya horiifi ofii waan qabaniif eenyuyyuu kabajuu akka qabu,ayyaana jaarii loonii kana kabajuu dhiisuun dhiibbaa hormaanni dhaabbachuu, loon nagaa dhabuu fa’a waan qabuuf kana hambisuuf kabajuun barbaachisaa akka ta’eefi falaasamni dhimma hawaasichaa ibsan hedduuminaan sirna kana keessatti mul’atan waan jiruuf osoo kabajan gaariidha. | en_US | 
| dc.description.sponsorship | Yuunvarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa | en_US | 
| dc.language.iso | other | en_US | 
| dc.subject | Jaarii Loonii, loon, Oromoo, fi raawwii Jaarii loonii | en_US | 
| dc.title | QAACCESSA ADEEMSAAFI RAAWWII JAARII LOONII BAASUU OROMOO MACCAA: GODINA HORROO GUDURUU, AANAA HABAABOO GUDURU | en_US | 
| dc.type | Thesis | en_US |