Abstract:
Xiyyeeffannoon qorannaa kanaa Asoosama ‘Kuusaa Gadoo’ keessatti akaataa Dhimmoonni
Hawaasummaafi diinagdee itti dhiyaate xiinxaluun ibsuu yemmuu ta’uu, qorannichis kallattii
maarkisiiziimitiin qoratamee jira. Kaayyoo kana milkeessuufis malleen qorannoo keessaa hojji
irraa kan oole mala qorannoo akkamtaati. Malleen iddatteessuu keessayis kaayyeeffannan
tajaajilarra kan oole yoo ta’uu, ragaaleen funaannaman immoo karaa addeessa ragaatiin
xiinxalame. Odeeffannoon qorannoo kana irraa funaannamanis karaa sakatta’a dookumentiitin
hojiirra oolame jira. Asoosama ‘Kuusaa Gadoo’ keessaa dhimmoota hawaasdiinagdeetiin yoo
daangeffamuu, yaadiddama Maarkisiiziimiittin dhimmii ba’amera. Argannoowwan qorannichaa
akka addeessutti dhimmoonni hawaasaa kanneen akka fooyya’uu dhabuufi muramuu mindaa
hojjatootaa irratti raawwatamuu, faayidaaf jecha wantoota aadaafi safuu hawaasa cabsuu
danda’an raawwachuu, qabeenya saamuuf jecha amanti Oromoo, maqaa namootaafi biyyaa
jijjiruu,barnootaaf iddoo kennu dhabuufi aangotti fayyadamanii hawaasa miidhuun akka
rawwatama ture hubatame. Yaboo irratti immoo mindaan hojjatoota irraa muranuu akka hin
qabneefi fooya’uus akka qabu, faayidaaf jedhanii wantoota aadaafi safuu hawaasaa miidhuu
danda’an hojjachuu akka hin qabnee, qabeenya saamuuf jedhanii amantii Oromoo maqaa
namootaafi biyyaa jijjiruu akka hin qabnee, barnootaaf iddoo kennuun akka barbaachisuufi
seeraan aangootti fayyadamanii hojii bulchinsaa hojjachuun akka barbaachisuu ibsamera.