XIINXALA ASOOSAMA ‘KUUSAA GADOO’ DHIMMOOTA HAWAASUMMAAFI DIINAGDEE IRRATTI XIYYEEFFACHUUN: GAMA MAARKISIIZIIMITIIN

Show simple item record

dc.contributor.author SISAAY GIZAAW WAYYEESSAA
dc.date.accessioned 2023-11-02T07:09:56Z
dc.date.available 2023-11-02T07:09:56Z
dc.date.issued 2015-06
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/6731
dc.description 72 en_US
dc.description.abstract Xiyyeeffannoon qorannaa kanaa Asoosama ‘Kuusaa Gadoo’ keessatti akaataa Dhimmoonni Hawaasummaafi diinagdee itti dhiyaate xiinxaluun ibsuu yemmuu ta’uu, qorannichis kallattii maarkisiiziimitiin qoratamee jira. Kaayyoo kana milkeessuufis malleen qorannoo keessaa hojji irraa kan oole mala qorannoo akkamtaati. Malleen iddatteessuu keessayis kaayyeeffannan tajaajilarra kan oole yoo ta’uu, ragaaleen funaannaman immoo karaa addeessa ragaatiin xiinxalame. Odeeffannoon qorannoo kana irraa funaannamanis karaa sakatta’a dookumentiitin hojiirra oolame jira. Asoosama ‘Kuusaa Gadoo’ keessaa dhimmoota hawaasdiinagdeetiin yoo daangeffamuu, yaadiddama Maarkisiiziimiittin dhimmii ba’amera. Argannoowwan qorannichaa akka addeessutti dhimmoonni hawaasaa kanneen akka fooyya’uu dhabuufi muramuu mindaa hojjatootaa irratti raawwatamuu, faayidaaf jecha wantoota aadaafi safuu hawaasa cabsuu danda’an raawwachuu, qabeenya saamuuf jecha amanti Oromoo, maqaa namootaafi biyyaa jijjiruu,barnootaaf iddoo kennu dhabuufi aangotti fayyadamanii hawaasa miidhuun akka rawwatama ture hubatame. Yaboo irratti immoo mindaan hojjatoota irraa muranuu akka hin qabneefi fooya’uus akka qabu, faayidaaf jedhanii wantoota aadaafi safuu hawaasaa miidhuu danda’an hojjachuu akka hin qabnee, qabeenya saamuuf jedhanii amantii Oromoo maqaa namootaafi biyyaa jijjiruu akka hin qabnee, barnootaaf iddoo kennuun akka barbaachisuufi seeraan aangootti fayyadamanii hojii bulchinsaa hojjachuun akka barbaachisuu ibsamera. en_US
dc.description.sponsorship : Yuunivarsiitii Haramaayaa en_US
dc.language.iso other en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title XIINXALA ASOOSAMA ‘KUUSAA GADOO’ DHIMMOOTA HAWAASUMMAAFI DIINAGDEE IRRATTI XIYYEEFFACHUUN: GAMA MAARKISIIZIIMITIIN en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account