Abstract:
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, mala baruuf barsiisuu marii gareetti barsiisonni Afaan
Oromoo mana barumsaa Fadis Bokkoo Sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa barsiisan hammam akka itti
fayyadamanii barsiisaa jiran xiinxaluudha. Yaadxinni qorannoon kun hordofe bifa
heddummaadha. Malli qorataan qorannoo kanaaf itti gargaarame mala qorannoo akkamtaati.
Iddattoon qorannoo kanaas, barsiisota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa barsiisan 4 yemmuu ta‟u,
malleen iddatteessuu miti carraa keessaa iddatteessuun akkayyoo qorannicha kana galmaan
gahuuf hojiirra oolaniiru. Meeshaaleen ragaan ittiin funaanaman daawwannaa dareefi afgaaffii
banaa barsiisotaati. Ragaan daawwannaafi afgaaffiin walitti qabamanis jechaan xiinxalamanii
jiru. Argannoon qorannoo kun akka agarsiisutti, barsiisonni Afaan Oromoo mala marii garee
tartiiba isaa eeguun daree keessatti xiyyeeffannaa kennaniifi hojiirra oolchaa kan hinjirre ta‟uu,
akkasumaas, barsiisonni kun daree barnootaa keessatti mala marii garee caalaa; mala isaaniif
mijjatetti fayyadamanii waan barsiisaniif hirmaannaan barattootaa daree keessatti laafaa ta‟uu,
mala kanatti fayyadamuun dandeettii afaanii barsiisaa kan hin jirre ta‟uu, mala kana hojiirra
oolchuu keessatti wantoonni gufuu ta‟anii mul‟ataniis: wayitiin barnoota Afaan Oromootiif
ramadameefi bal‟inni qabiyyee kitaabichaa kan wal hinsimne ta‟uu, barsiisonni waa‟ee mala
marii garee irratti hubannoo gahaa hinqabne ta‟uufi baay‟inni barattootaa daree keessatti
garmalee heddummachuun qorannoo kanaan adda baheera. Argannoo kana irratti hundaa‟uun
yaadni furmaataa: barsiisonni ilaalcha hin dandeenyu jedhu dhiisanii tartiiba mala kanaa
fayyadamuun hojiirra oolchaa deemuu, barsiisonni mala barsiisaa giddugaleessa godhate
dhiisanii mala marii garee fayyadamuun hirmaannaa barattootaas cimsuu qabu, dandeettiiwwan
afaanii mala kanaan barsiisuun barattoota shaakalchiisaa deemuu, ramaddiin wayitii barnoota
Afaan Oromoo sirrachuu, daree barnootaa baay‟ina barattootaa waliin walsimsiisuufi akkaataa
itti fayyadama mala marii garee irratti barsiisotaaf leenjiin hubannoo cimsuu qaama dhimmi
ilaallatuun akka laatamuufi qabu qorannoo kun furmaata eereer