MALA MARII GAREETIIN AFAAN OROMOO BARSIISUU BARSIISOTAA: BARATTOOTA KUTAA 9FFAA MANA BARUMSA FADIS BOKKOO SADARKAA 2 FFAA

Show simple item record

dc.contributor.author Bayaan Mahammad Yuusuf
dc.contributor.author Mr: Garramuu Caalaa
dc.contributor.author Mr: Mohammed Abdoo
dc.date.accessioned 2023-11-20T07:01:31Z
dc.date.available 2023-11-20T07:01:31Z
dc.date.issued 2023
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/6905
dc.description 72p. en_US
dc.description.abstract Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, mala baruuf barsiisuu marii gareetti barsiisonni Afaan Oromoo mana barumsaa Fadis Bokkoo Sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa barsiisan hammam akka itti fayyadamanii barsiisaa jiran xiinxaluudha. Yaadxinni qorannoon kun hordofe bifa heddummaadha. Malli qorataan qorannoo kanaaf itti gargaarame mala qorannoo akkamtaati. Iddattoon qorannoo kanaas, barsiisota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa barsiisan 4 yemmuu ta‟u, malleen iddatteessuu miti carraa keessaa iddatteessuun akkayyoo qorannicha kana galmaan gahuuf hojiirra oolaniiru. Meeshaaleen ragaan ittiin funaanaman daawwannaa dareefi afgaaffii banaa barsiisotaati. Ragaan daawwannaafi afgaaffiin walitti qabamanis jechaan xiinxalamanii jiru. Argannoon qorannoo kun akka agarsiisutti, barsiisonni Afaan Oromoo mala marii garee tartiiba isaa eeguun daree keessatti xiyyeeffannaa kennaniifi hojiirra oolchaa kan hinjirre ta‟uu, akkasumaas, barsiisonni kun daree barnootaa keessatti mala marii garee caalaa; mala isaaniif mijjatetti fayyadamanii waan barsiisaniif hirmaannaan barattootaa daree keessatti laafaa ta‟uu, mala kanatti fayyadamuun dandeettii afaanii barsiisaa kan hin jirre ta‟uu, mala kana hojiirra oolchuu keessatti wantoonni gufuu ta‟anii mul‟ataniis: wayitiin barnoota Afaan Oromootiif ramadameefi bal‟inni qabiyyee kitaabichaa kan wal hinsimne ta‟uu, barsiisonni waa‟ee mala marii garee irratti hubannoo gahaa hinqabne ta‟uufi baay‟inni barattootaa daree keessatti garmalee heddummachuun qorannoo kanaan adda baheera. Argannoo kana irratti hundaa‟uun yaadni furmaataa: barsiisonni ilaalcha hin dandeenyu jedhu dhiisanii tartiiba mala kanaa fayyadamuun hojiirra oolchaa deemuu, barsiisonni mala barsiisaa giddugaleessa godhate dhiisanii mala marii garee fayyadamuun hirmaannaa barattootaas cimsuu qabu, dandeettiiwwan afaanii mala kanaan barsiisuun barattoota shaakalchiisaa deemuu, ramaddiin wayitii barnoota Afaan Oromoo sirrachuu, daree barnootaa baay‟ina barattootaa waliin walsimsiisuufi akkaataa itti fayyadama mala marii garee irratti barsiisotaaf leenjiin hubannoo cimsuu qaama dhimmi ilaallatuun akka laatamuufi qabu qorannoo kun furmaata eereer en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title MALA MARII GAREETIIN AFAAN OROMOO BARSIISUU BARSIISOTAA: BARATTOOTA KUTAA 9FFAA MANA BARUMSA FADIS BOKKOO SADARKAA 2 FFAA en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account