Abstract:
Qorannoon kun mata duree Aadaa Xiinxala Aadaa Walgargaarsaa Oromoota Afran Qalloo Godina
Harargee Bahaa Aanaa Guraawaa Sirna Gaa’elaa bu’uureffachuun kan dhiyaatedha. Ka’umsi
qorannoo kanaas dhiibbaa siyaasaa,amayumaa fi babalifannaa amantaa irraan kan ka’ee aadaafi
duudhan Oromoo jijjiiramaa dhufuun aadaan walgargaarsaa sirna gaa’elaa Aanaa gurawaa keessaa
jiruu kan jijjiramee ta’uu isaati. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas xiinxala aadaa walgargaarsaa
oromota afran qalloo godina harargee bahaa aanaa gurawaa xiinxaluu, barreeffamaan dhalootaf tur
siisuudha. Qorannoon kun, gosa qorannoo ibsaa yoo ta’u mala qorannoo akkamtaatti dhimma
bahameera.Iddattoonis, mala iddatteessuu akkaayyoo heeruutiin maanguddootaa fi ogeeyyii Waajjira
aadaafi tuurizimii aanaa Gurawaa mataduree qorannichaan walqabatee odeeffannoofi beekumsa
irraa ragaan funaannameera. Meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffii, marii gareefi
daawwannaa gargaaramuun funaannamuun, mala akkamtaan qaacceffamaniiru.Qaaccessi ragaalees
akka ifa ta’uuf kaayyoo gooree irratti hundaa’uun tartibeessuun akkaataa wal fakkaatuun walitti
fiduun ibsi itti kennameera. Haaluma kanaan, argannoon ijoo qorannichaa duudhaan aadaa
walgargaarsaa sirna gaa’elaan raawwatamaa ture sababa weerarafi baballifannaa amaantii
muslimaa warra turkiifi Gibxiin, akkasumas, dhiibbaa mootummonni Itoophiyaa fayyadamaafi
guddina Afaanii, aadaafi eenyummaa Oromoo irratti godhaa turan, Kanamalees,Ammayummaa
walqabatee jijjirama Maqaa,qabiyyeefi adeemsa raawwii sirna gaa’elaa irratti mulachuu bira
gaameera Qophiilee guyyaa cidhaaf barbaachisaniif walgargaarsi gama warra gurbaafi warra
intalaan firri, gostiifi ollaan beeyladaa, midhaanfi meeshaalee garaagaraa hanga dandeeytii isaanii
walgargaaraa turan yeroo ammaa jijjiiramuufi hafuun hubatameera. Bu’uuruma kanaan yaadni
furmaataa Duudhaa gaa’elaa keessatti aadaa walgargaarsaa barbaachisoo ta’anii garuu sababoota
Amantii, siyaasa, saayinsiifi teeknooloojiin kallattiifi alkalllattiin dhiibbaan cimaa irra ga’ee
dagataman haala xiinsammuu hawaasaa hin hubneen deebisanii ijaaruuf hawaasicha hubachiisuun
barbaachisaa ta’uufi Waajjirri Aadaafi Turizimii Aanaa hawaasa keessa gadi bu’uun gumii
dagaagina aadaa gandootaafi manneen barnootaa keessatti dhaabuun faayidaafi barbaachisummaa
aadaan walgargaarsaa hariiroo hawaasaa cimsuu keessatti qabu, diinagdeen misirrota utubuu qabufi
sadarkaa qaroominaafi eenyummaa oromoo beeksisuuf qabu barsiisuufi akka walirraa barataniif
haalamijeessuufaa qoratichaan kennaman.