XIINALA AADAA WALGARGAARSAA OROMOOTA AFRAN QAL LO GODINA HARAR GEE BAHAA AANAA GURAAWAA O SIRNA GAA‟EELAA KEESSATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Ahamaddiin Sayyidaa Shariifaa
dc.date.accessioned 2023-11-22T08:52:41Z
dc.date.available 2023-11-22T08:52:41Z
dc.date.issued 2023-10
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/6919
dc.description 77 en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree Aadaa Xiinxala Aadaa Walgargaarsaa Oromoota Afran Qalloo Godina Harargee Bahaa Aanaa Guraawaa Sirna Gaa’elaa bu’uureffachuun kan dhiyaatedha. Ka’umsi qorannoo kanaas dhiibbaa siyaasaa,amayumaa fi babalifannaa amantaa irraan kan ka’ee aadaafi duudhan Oromoo jijjiiramaa dhufuun aadaan walgargaarsaa sirna gaa’elaa Aanaa gurawaa keessaa jiruu kan jijjiramee ta’uu isaati. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas xiinxala aadaa walgargaarsaa oromota afran qalloo godina harargee bahaa aanaa gurawaa xiinxaluu, barreeffamaan dhalootaf tur siisuudha. Qorannoon kun, gosa qorannoo ibsaa yoo ta’u mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahameera.Iddattoonis, mala iddatteessuu akkaayyoo heeruutiin maanguddootaa fi ogeeyyii Waajjira aadaafi tuurizimii aanaa Gurawaa mataduree qorannichaan walqabatee odeeffannoofi beekumsa irraa ragaan funaannameera. Meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffii, marii gareefi daawwannaa gargaaramuun funaannamuun, mala akkamtaan qaacceffamaniiru.Qaaccessi ragaalees akka ifa ta’uuf kaayyoo gooree irratti hundaa’uun tartibeessuun akkaataa wal fakkaatuun walitti fiduun ibsi itti kennameera. Haaluma kanaan, argannoon ijoo qorannichaa duudhaan aadaa walgargaarsaa sirna gaa’elaan raawwatamaa ture sababa weerarafi baballifannaa amaantii muslimaa warra turkiifi Gibxiin, akkasumas, dhiibbaa mootummonni Itoophiyaa fayyadamaafi guddina Afaanii, aadaafi eenyummaa Oromoo irratti godhaa turan, Kanamalees,Ammayummaa walqabatee jijjirama Maqaa,qabiyyeefi adeemsa raawwii sirna gaa’elaa irratti mulachuu bira gaameera Qophiilee guyyaa cidhaaf barbaachisaniif walgargaarsi gama warra gurbaafi warra intalaan firri, gostiifi ollaan beeyladaa, midhaanfi meeshaalee garaagaraa hanga dandeeytii isaanii walgargaaraa turan yeroo ammaa jijjiiramuufi hafuun hubatameera. Bu’uuruma kanaan yaadni furmaataa Duudhaa gaa’elaa keessatti aadaa walgargaarsaa barbaachisoo ta’anii garuu sababoota Amantii, siyaasa, saayinsiifi teeknooloojiin kallattiifi alkalllattiin dhiibbaan cimaa irra ga’ee dagataman haala xiinsammuu hawaasaa hin hubneen deebisanii ijaaruuf hawaasicha hubachiisuun barbaachisaa ta’uufi Waajjirri Aadaafi Turizimii Aanaa hawaasa keessa gadi bu’uun gumii dagaagina aadaa gandootaafi manneen barnootaa keessatti dhaabuun faayidaafi barbaachisummaa aadaan walgargaarsaa hariiroo hawaasaa cimsuu keessatti qabu, diinagdeen misirrota utubuu qabufi sadarkaa qaroominaafi eenyummaa oromoo beeksisuuf qabu barsiisuufi akka walirraa barataniif haalamijeessuufaa qoratichaan kennaman. en_US
dc.description.sponsorship Yuunivarsiitii Haramaayaa en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title XIINALA AADAA WALGARGAARSAA OROMOOTA AFRAN QAL LO GODINA HARAR GEE BAHAA AANAA GURAAWAA O SIRNA GAA‟EELAA KEESSATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account