Abstract:
Qorannoon kun, xiinxala rakkoo walhubannaa qunnamtii afaanii keessatti: tajaajiltootaafi
tajaajilamtootni Waajjiraalee Bulchiinsa Magaalaa Awwadaay taasisan irraatti xiyyeeffate. Kaayyoon qorannoo kanaa, rakkoo walhubannaa gama qunnamtii afaaniitiin Waajjiraalee
Mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Awwadaay keessatti, tajaajiltootaafi tajaajilamtoota giddutti
mul’atan xiinxaluudha. Akaakuun qorannoo dhimma itti ba’ame akkamtaa yoo ta’u, malleen
funaansa ragaalee immoo afgaaffiifi daawwannaadha. Odeeffannoon gama afgaaffii
hincaaseffamneefi daawwannaan funaaname mala ibsaan kan qaacceeffameedha. Bu’uuruma
kanaan argannoowwan qorannoo, tajaajiltootaafi tajaajilamtoonni dubbatanii akka walhubachuu
hin dandeenye godhan: tajaajiltoonniifi tajaajilamtoonni ergaa dubbii walii hubachuu dhabuu, kanneen mallattoolee miti dubbii fayyadamanii tajaajiltoota qunnaman saffisaan walii hubachuu
dhabuu, namoota qaaxiraa baayyisaniin dafanii walhubachuu dhabuu, tajaajilamtoonni baay’een
muffiin dhufuu faadha. Rakkoo qunnamtii afaaniin walhubachuu dhabuutiin, tajaajila
tajaajiltoonni kennanirratti tajaajiltoonni odeeffannoo sirrii dhimmichaaf barbaadan
tajaajilamtootarraa argachuu dhabuun, tajaajila qulqulluufi si’ataa ta’e kennuu dhabuu. Rakkoon qunnamtii afaaniin walhubachuu dhabuu tajaajilamtootaafi tajaajiltoota giddutti
walitti bu’iinsa waan uumuuf hariiroon gidduu isaanii jiru laafaa ta’uu. Sababa kanaan
tajaajilamtootarra rakkoowwan kanneen akka, tajaajila qulqulluu argachuu dhiisuu, tajaajila
godhameefitti gammaduu dhabuu, dhimma isaa otoo hinxumurin hafuudhaan qabeenya hedduu
baasuufi yeroo isaanii qisaasessuun miidhamu. Bu’aa qorannoo kanaa booda furmaata ta’a
jedhee kan qoratichi eere keessaa, waajjiraaleen kunniin tajaajiltoota yookiin ogeessota
afaanicha sirritti hubataniifi afaan ogummaas hubachiisuu danda’an qacaruun waajjiraalee
biroof fakkeenya otoo ta’ee gaarii ta’a. Akkasumaas, tajaajiltoota haaraa buufata kanatti
ramadamaniif leenjiin hojiin duraa, haala hawaasa magaalichaarratti xiyyeeffatu otoo laatamaa
deemee